Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhalattoonni Tigraay Niw Yoork Keessatti Hiriira Geggeessan


Hiriira dhalattoonni Tigraay Niiw Yoork keessatti geggeessan
Hiriira dhalattoonni Tigraay Niiw Yoork keessatti geggeessan

Magaalaa New York fi naannoo isheetti kutaalee argaman irraa kan walitti dhufan dhalattoonni Tigraay gumiin 76ffaa kan tokkummaa mootummootaa bakka itti geggeessamu dhaquu dhaan sagalee isaanii dhageessisanii jiru.

Dubbi himaan hiriirtota sanaa obbo Alem Kaahisaay VOAf akka ibsanitti kaayyoon hiriira sanaa naannoo Tigraay keessatti kan raawwatame beela sagalee hin qabaanne hawaasa addunyaaf saaxiluuf akka ta’e ibsaniiru.

Obbo Alem ibsa kennaniin hiriira sana kan waamneef gumii isaa waggaa geggeessaa kan jiru tokkummaan mootummootaa Tigraay keessatti kan uumame beela sagalee hin qabne kana hubatanii tarkaanfii akka fudhataniif jedhan. Gumii sana irratti illee itti aanaa muummeen ministeeraa fi ministriin dhimma alaa Itiyoophiyaa Demmeqee Mekonnin argamaniiru.

XS
SM
MD
LG