Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maartiin Giriiftis Dhimma gargaarsaa Tigraay irrati dubbatan


Faayilii - Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti Itigaafataamaa Dhimma gargaarsaa. Maartiin Griiftis
Faayilii - Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti Itigaafataamaa Dhimma gargaarsaa. Maartiin Griiftis

Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti Itigaafataamaa Dhimma gargaarsaa Maartiin Griiftis kaleessa akka madda oduu Rooyterstti himanitti Tigraay keessati beellii cimuu akka hin oolle dubbataniru.

Konkola’atonni gargaarsa fe’anii Tigiraayiin seenan ergaa danqamanii ji’a sadii ta’uu isaa kan himan Maartiin Giriiftis beelichii waan namaan uumame waan ta’eef kan fala argaachuu danda’us tarkaanfii mootummaan fudhatuun jedhaniru.

Bakka namoonni 400 000 ol haala beelaa keessa jiranitti gargaarsii seenuu danda’e dhibeentaa 10 qofaa akka ta’ee kan dubbatan itti gafatamaan dhimma gargaarsaa kun, konkola’attootaan fe’isa gargaarsaa hedduun Tigraayiin seenanii waan hin deebiineef rakkoon konkola’taa akka jiru himaniiru.

Ji’a Adoolessaatii kaasee boba’aan waan Tigraayiin seenaa hin jirreef konkola’attoni sun waan ittiin deebi’an dhabani ta’a jedhaniiru Maartiin Giriifti. Dhaabanni mootummoota gamtoomanii Fulbaana 16 ibsaa baaseen konkola’attotaa gargaarsa fe’anii Tigraayiin seenan 466 keessaa 38 qoftii akka deebi’an ibseera. Dhaabanii Midhaan nyaataa adduunyaa WFPn kaleessa tooraa Tiwutarii isaa irratii akka ibsetti konkola’attonii 61 tibbana Tigiraayi keessaa bahaniiru.

Walgahii mootummootaa gamtoomanii irratti itti aanaa muummee ministeeraa fi ministeeraa dhimma alaa Ityoophiyaa Obbo Demeqee Mekonen wajjin wal arganii haasa’uu isaanii kan himan Maartiin Giriftis akkataa haallii gargaarasa fe’uu mijeessuu irratti fooyya’iinsii jiraachuu isaa Obbo Demeqeen ibsuu isaanii dubbatnii, Fooya’eeraa jechuu qofa ittuu hin ta’in caalaa fooyyeesuun waan hedduu barbaachisaadha jechuun isaanii gabsameera.

XS
SM
MD
LG