Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan aangawoonni dhaabbata Tokkummaa Mootummootaa toorba biyyattiidhaa akka bahan murteessite


Itiyoophiyaan aangawoonni dhaabbata Tokkummaa Mootummootaa toorba sa’atii 72 keessatti biyyattii keessaa akka bahan murteessuu ishee Ministarri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa beeksisee jira

Dubbi-himaan Ministirichaa ibsa har’a baasaniin, Itiyoophiyaatti itti-gaafatamtoota waajiraa dhaabbata gargaarsa daa’immanii yokaan UNICEF fi kan dhimnma gargaarsa namoomaa jaarmayichaa, akkasumas itti-gaafatamaan garee waajjjira qindeessa dhimma mirga namoomaa jaarmayichaa dabalee namoota toorba irratti, “dhimma Itiyoophiyaa keessa harka galfatan” jechuun, mootummaan murtii “Persona Non Gratta” yokaan “namnoota fudhatama hin qabne” jedhu irratti baasuu isaa beeksise.

Barreessaa mootummoota gamtoomanii, Antoniyoo Gutereez (Suuraa faayilii)
Barreessaa mootummoota gamtoomanii, Antoniyoo Gutereez (Suuraa faayilii)

Dimma Kana ilaalchisee barreessaan mootummoota gamtoomanii Antoniyoo Gutereez galgalaa kan ibsa kennanii, murtoon mootummaa Itiyoophiyaa akka isaan naasise ibsaniiru.

Sochiin mootumoota gamtoomanii imaammata namoomumaa, loogii malee ojjachuu fi bilisummaa irratti kan hundaa’edha jedhanii, hojjatoonii dhaabaa isaanii Itiyoophiyaa keessatti hojii gargaarsa lubbuu baraaruu hojjachaa jiraachuu isaaniitiif amantaa guutuu akka qaban ibsaniiru.

Uummata Itiyoophiyaa gargaarsii namoomaa barbaachisu gargaaruudhaaf dhaabanni mootumoota gamtomanii murannoo qaba kan jedhan Antooniyoo Gutereez, namoottan mootummaan Itiyoophiyaa hari’e akka hojii isaanii itti fufan ni taasisama abdii jedhuun mootummaa Itiyoophiyaa wajjin dubbachaa akka jiran ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG