Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Mirga Dhala Namaaf Falmuu Waa’ee Itiyoophiyaa Ibsa Kenne 


Itiyoophiyaa keessatti mootummaa haaraan ituu hin hundeeffamiin dursee, dhiittaa mirga namoomaa fi miidhaa Tigraay keessatti dhaqqabe jedhame irratti dubbachuuf jecha gareen mirga dhala namaaf falmuu Hiyumaan Raaytis Waach(HRW) Kamiisa kaleessaa tuuta oduuf ibsa kenneen jira.

Kaayyoon waltajjii kanaas mootummaa haaraan Itiyoophiyaa keessatti ituu hin hundeeffamiin dura, hogganoonni biyyaa kanneen Finfinnee keessatti wal ga’an, dhaqqabaa jiru kan jedhman diittaa mirga namoomaa hubachuu akka danda’an akkasumas, Hiyumaan Raaytis Waach, mootummaan Itiyoophiyaa bulchiinsa naannoo Tigraay irra ugguura ka’ee jira jechuun kan himataa ture gargaarsaa akka hin dhaqqabnee marsanii turuu sana akka kaasuuf, hogganoonni biyyootaa mootummaa Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa akka godhan gaafachuuf akka ta’e ibsee jira.

Gareen mirga dhala namaaf falmuu kun dursee ibsa barreeffamaan baaseen, Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti walitti bu’iinsii gaggeeffama jiru mallattoo qabanaa’uu agarsiisaa hin jiru jedhee jira.

Dhuma Baatii onkolooleessa darbee kaasee looltoota Itiyoophiyaa fi Ertraan gaggeeffamee kan jedhamee, gocha gara jabinaa fi namoota walitti qabuun ajjeesuu, humnaan gudeeddii bal’inaan gaggeeffamee, bu’uura misoomaa sivilootaa irratti beekaa haaleellaa gaggeessuu, akkasumas milishoota Tigraay keessa sosso’aniin baqattonni Ertraa gudeedamuu gabaasaa kan ture kan ibsee Hiyumaan Raaytis Waach, jaarmayoonni gargaarsaa akkaan barbaachisaa ta’an kan akka nyaata, boba’aa, dawaalee, akka Tigraay hin dhaqqabneef mootummaan Itiyoophiyaa beekaa marsee eeguu itti fufee jira jedha.

Kana malees walitti bu’iinsii kun gara bulchiinsa naannoo Afaarii fi Amaaraatti eega baballatee booda, miidhaan dhala namaa irra ga’e gabaasaaleen itti fufee ba’uuf akka jiran kan ibsee ta’uus, gocha kanaaf itti gaafatamaa ykn shakkamaan eenyu akka ta’e garu hin ibsinee.

Mootummaan Itiyoophiyaa shoroorkeessaa jechuun kan ramadee HIWHAAT kan hogganan Dr.Dabratsiyoon Gabra Mikaa’eel dhuma torban dabree tuuta oduuf ibsa kennan irratti, hidhattonni isaanii siviiloota irratti haleellaa kan hin gaggeessine ta’u kan dubbatan yoo ta’u hogganoonni HIWHAAT kanneen biroonis himata irratti dhiyaate soba jechuun qaama walabaan qorannoon akka gaggeeffamu ennaa gaafatan dhaga’amu.

Gama kaaniin rakkoo gargaarsa dhala namaa Tigraay keessa jiruuf HIWHAAT itti gaaftamaaadha jechuun kan himatu mootummaan Fedeeraalaa, ibsa adda addaa kennee irratti HIWHAAT daandilee cufuun, midhaan gargaarsaa fi dhiyeessii kanneen biroo akka saamuu, kokolaataan gargaarsa geessan deebi’anii akka hin galle ittisuu dubbatu.

Dhiyeessii gargaarsaa jiru haala salphaan dhaqqabsisuuf ulaa sakata’aan duraan turan 9 irraa gara 2tti gad busuu dabalatee, tarkaanfii fudhatamees ni ibsan.kana malees Tigraay keessatti dhaqqabe jechuun himannaan dhiyaatan,garee yakkamaa ittiin jedhan HIWHAAT fi deggertoonni isaanii uumanii kan odeessan fakkii sobaati jedhuun itti aanaa mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dammaqee Mokonniin kora waggaa 76faaa kan tokkummaa mootummootaa irratti sambata dabree dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Motummaa haaraa kan Itiyoophiyaa Wiixata dhufu hundeeffama jedhamee egama.

XS
SM
MD
LG