Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Qiyyaafata Shoroorkeessootaa Ta’aa Jirti: Xiinxaltoota


Faayilii - Hiriira magaala Kaartum keessatti Mudde 19, 2020 geggeegamee ture
Faayilii - Hiriira magaala Kaartum keessatti Mudde 19, 2020 geggeegamee ture

Haallii nageenyaa Sudaan keessaa raafamaa ta’u isaa gara jalqaba torban kanaatti wal waraansii “Gabraa” keessatti gaggeeffame agarsisee jira.Angawoonni namoota 11 shoroorkeessoota jechuun kan hidhan yoo ta’u, kunis wal waraansa gaggeeffameen miseensoonni tika nagaa ka biyyatti walii galaa 5 eega ajjeefamanii booda.

Hokkara kanaaf looltee seentoota biyya alaa sudaan seenan kan hiamatan xiinxaltonni, mootummaa ce’uumsaa bulchiinsa waraana irraa gara siviilootatti ce’uun bara 2019 yeroo Al Bashiir aangoo irraa darbamanii kaasee biyyattii bulchaa jiru komatu.

Yeroo ce’umsaa kanatti sudaan kutaalee naannoo sanaa kanneen rakkoo qaban waliin daangaan qabdu banaa ta’u kan ibsan xiinxaltonni, akka fakkeenyaattis Libiyaa fi Somaaliyaa keessa Al Shabaab socho’aa akka jiru maqaa dhahu.

Sudaan chaad fi ripaabliika Afrikaa waaltaa wajjiin daangaa banaa qabdi jedhanii gareen leellistootaa Sudaan keessa sosso’uuf sababaa hedduu qabu jedhu.

XS
SM
MD
LG