Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waajirri Mootummaa Fedeeraaala Ameerikaa Hanga Muddeetti Banaa Tura


Kaapitool Hiil, mana maree Yunaaytid Isteets (suuraa faayilii)

Waajirri mootummaa Fedeeraalaa cufaamuu irraa oolee hanga Muddee 3tti akka itti fufuu kan godhu walii galtee yeroof mannii maree yunaaytid Isteets fi seeneetii biyyatti kamiisa kaleessaa walii galanii jiru.

Seeneetnii sagalee 65 fi 35 kan raggaasisee yoo ta’u, itti aansuun manni maree bakka bu’oota uummataa immoo sagalee 254 fi 175 waajirri fedeeraalaa yeroof banaa akka turu murteessa.

Yaada irratti walii galamee kana prezidaant Joo Baaydiin gara seeraatti akka jijjiramuuf kamiisa kaleessaa galgala Waayit Haawuus keessatti mallatteessan.

Baasiin maallaqaa kun waan yeroo ammaa sadarkaa dhaabbattoota mootummaan Federaalaa waliigalaatti barbaachisuuf oola.Kana malees kutaalee biyyatti balaa oboomboleettii fi loolaa bishaaniin akkasumas ibidda bosoonaan miidhamaniif doolaara Biliyoona 28.6 kan ramadee yoo ta’u, baqattoota Afgaanistaan kanneen dhiyeenya kana as gara Yunaaytid Isteestti godaananiif doolaara Biliyoona 6.3 deebisanii dhaabuuf ramade.

Oduun har’af qabnu kanuuma.

Yaadawwan Ilaali (3)

XS
SM
MD
LG