Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsii Dr.Guddataa Hinnikaa faan Arsii Nageelleetti nama sadii barsiisuun jalqaban amma barattoota 5000 gahe


Geedoo,laftii naannoo Arsii Nageellee ta karaa makiinaallee irraa km 40 caala fagaatti jedhan lafa baaddiyaa ta keessumattu durii faa ijoollee dubraatii fi ta dhiiraalleen barachuuf guddoo rakkatan.

Gaafasitti lafa karaa,ibsee,hospitaalaa fi waan gugurdoo akkanaa hin qamne.

Dr.Guddataa Hinikkaa fi haatii warra isaalleen nama jireenna jajjabaa ijoollee baaddiyaa qonnaa,tikaa fi waan hedduu jedhanii barnoota keessaa oofan ykn ka jarinuu maatii gargaaruuf ufumaanuu keessaa bahuu bahee asi gahe.

Dr.Guddataan amma Amerikaa Kaalifoorniyaatti Dr.beekamaa, ingiliffaan(surgeon)jedhan.Nama wallaansaa gugurdaaf barbaadan.

Haatii warraa Dr.Guddataalleen narsii.Jarii kun naannoo keessaa bahe sun qaraa ijoollee barnootaan jajjaboo tahan horiin gargaaraa bahe.Laftii nama sadii gargaaruun jalqaban sun amma guddattee karaan baheefii,ibseen galteefii,hospitaalii jaarameefii,koolleejjiin jaaramuuf qophii jirtu lafa barattootii 5000 caalaan itti baratan taate.

Akkamiin hujii hagana geettu jalqabadan jennaan.“Ani yoo biyya laaluuf warra kiyya laaluuf deeme warrii barumsalleen na caalan qaheetti deebi’anii abbaa ijoollee tahan,qottuu tahan arguun baayyee na gaddisiise…Fgaoo deemnee barachuu fi humanas hin qmanu jedhan jedhan.Knatti garaa nu nyaatee mee woma dandeennuun haa hojjannuu jenne”

Dr.Guddataan faan hujii tana ummata naannoo waliin tahee horii ufii itti baasee, achi biyyuma dhaqee hojjata.

Bara 2003 jalqabanii “oduu hirriiba malee hojjannuu 2010 sadrkaan lammeessoo nuu dhumate.”

Ijoolleen mana barumsa Geedootti baratan akka jecha Dr. Guddataatti ijoollee yuniveresitii bebeekamtuu seenaniii barachuutti jiran.

“Kun dhugumaanuu jireenna keenna keessatti gaammachuu guddaa uume.Barmusii jireenna ilmaan abbaa fedheefiiyyuu jireenna taha”

Dr.Guddataan faan hujii mana barmusaa tana $300,000 caalaa itti baasan.Yoo jireenna nama keennaatiin wallaanuuf hojjanne waan hedduu jijjiiruu dandeenna jedhan Dr.Guddataan faan.

Marii teenna ta hardhaa MP3 tana irraa caqasaa ta hafte ammoo torbaa dhufaa itti deebinaa.

XS
SM
MD
LG