Aljeeriyaan nama kuma kurnya hedduutti itti yaamtee karaatti baatee ijoollee isii duula waancaa kubbaa miilaa mootee mirgaan galte,simattee, yooyyifatte.
Simalchaa tana pirezidaantii fi muummeen ministeraalleen keessa jiran.
Geedala Gammoojjii,maqaa garee Kubbaa Miilaa Aljeeriyaan baafatte. Jarii kun tana waliin marroo lama waancaa kubbaa miilaa Afrikaa moo’e.
CAF, Federeshiiniin kubbaa miilaa Afirkaa dorgommii barana Masriitti qopheesse biyyitii 24 haga ji’a tokko taphachaa baate irraa doolara miliyoona 80 argate.
Otoobusii garee Aljeeriyaa baatee deemu footoo taphattoota isaanii itti maxananisii “biyyitii isaniin maklkaa dabartee” jedhanii maqaan faarsan.
Geedaltii Aljeeriyaa Giinii, Ayvori Kosti, Naayjeriyaa, Keenyaa fi Tuniiziyaa qaqaariftee Nyeenca Senegaaliin baatee haga daqiiqaa 94 cufa waluma irra oolan.
Biyyitii isiin akkana wal irra oolteen tun Nyeencii Senegaalilleen Uganda,Beni,Tunisia fi biyya akka akkaa ufi duraa gorse Geedala Aljeeriyaatiin bahe chochochuu dhoortee waluma irra oolanii eegee cincahaa lafaan gahan.
Jabeenna isaa kanaaf CAF, Nyeenca kana doolara miliyoona 2.5 badhaase.
Geedala Nyeenca qaarifte ammoo doolara miliyoona 4.5 badhaasan.