Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa,AFCON 2019 biyya 24tti jalqabee goolii 102 gale.Laafaan keessaa galee jabaan walti hafe: Geedala Aljeeriyaatii fi Nyeenca Senegaaliiti.
Akka maqaa jari baafateetti gareen kubbaa miilaa Aljeeriyaa,Geedala ka Senegaal ammoo Nyeenca.
Jarii kun lamaan tapha hedduu taphachaa waan tureef caphaa hidhatee buqqa’aa dhidhiibatanii walti kakka’e.Tapha daqiiqaa 94 ka hardhaa irratti Senegaal akkuma dansaa jabaattee kubbaa waltitti kennaa,fulaa qabachaa taphatte.
Taatullee Aljeeriyaan daqiiqaa 2essoo irratti milkooftee goolii galfatte.Goolii tana Baghdad Bounedjah,nama ganna 27 lakkoofsa 9 keeyyatee taphatutti galcheef. Gurbaan kun kilabii Qatarii taphata. Bara 2018-2019 goolii 39 galche.
Aljeeriyaan waancaa moote tun barana marroo hedduu seera tapha yakkitee marroo afur kaardoo hadhoo (yellow card)n adaban.
Aljeeriyaan barana waliin marroo lama Waancaa Kubbaa Miilaa mootee (1990, 2019) dheebuu ganna 29 baate.
Nyeenca Senegaal(Lions)
Akka Federeshiiniin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa, FIFAn baasetti Aljeeriyaa (Desert Fox) dandeettii kubbaa miilaatiin Afrikaa keessaa 1essoo addunyaa 24essoo.Marroo 14 waancaa Kubbaa miilaa Afrikaatii taphattee ganna 17n duratti sadeessoo taate.
Geedaltii Aljeeriyaa(Algerian Fox)
Dandeettii kubbaa miilaatiin Afrikaa keessaa 16essoo addunyaa ammoo 69essoo marroo 17 tapahtte bara 1990 shaampiyoona taate.
Aljeeriyaan gaafasillee biyyumaa fi biyyee isii irratti adoo namii 105,000 bahee daawwatuu Risaa Ciwwisaa Naajeeriyaa (Nigerian Supper Eagles) 1-0 mootee waancaa irraa fudhatte.
Baranallee Geedaltii Aljeeriyaa Risaa Ciwwisaa Naayjeeriyaa 2 dhooftee lafaan dhoofte.Tuniiziyaan walti gadi dhiisan takkittumaan qaaritee Nyeencaan walti marte.Geedaltii Aljeeriyaa warra barana walti marteen cufaa hinuma qaarifte.
Senegaalii amma walti marteen tanaayyuu guyyaa 6n duratti tokkoon irraa galchitee moote.
Tapha baranaa irratti Aljeeriyaan marroo 6 taphatte 5 moote 1 walqixxee. Giinii, Ayvori Kosti,Naayjeriyaa, Keneyaa fi Tuniiziyaa qaariftee goolii 12 tuulattee asi geettee Senegaalillee akkasuma tolchite.
Woma taateefuu Waancaan Afrikaa ammallee gannuma itti aanu maree dhufa wannii bulanii itti ka’an fagoo miti