Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waggootii kudha lamaaf prezidaantii Itiyoophiyaa Turan Girmaa Wolda Gorgis


Nama Waamicha Biyyaaf Deebii Kennee Angoo Qabate jedhamuun kan faarsaman prezidaant Girmaa Walda Gorgis sirni awwaalcha isaanii har’a kaateediraala Sillaaaseetti raaw’atamee jira.

Sirna awwaalacha kana irratti prezidaantiin Itiyoophiyaa Aaddee Saahle Warq Zawdee, mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad fi aangawoonni sadarkaa olaanaan ka biyyatti argamanii jiru.

Prezidaant Girmaan Qooda guddaa biyyattiif gumaahcuun isaaniis sirna kana irratti ibsamee jira. Aangawoonni dargii duraanii hoogganoonni Qinjjit duraanii fi hidhamtoonni ka biroon dhiifamaan akka gadhiifaman akkasumas kan bakka lamatti addaan qodamtee waldaan Ortodoksii Itiyoophiyaa mariin akka tokko ta’aniif carraaqqii gochuun isaanii ibsamee jira.

Bara taayitaa isaaniitti murtiin du’aa akka nama irratti hin muraa’in fi hojii irra hin oliintu dubbatame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG