Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni ‘Itiyoophiyaa’ Saddeet Galoo Galaana Obookitti Du’an


Reefa lammiwwan Itoophiyaa galaanan nyaatamanii, Jibuutii, Onk. 3, 2020
Reefa lammiwwan Itoophiyaa galaanan nyaatamanii, Jibuutii, Onk. 3, 2020

IOM, Dhaabbanni godaantota biyyaa biyyaan deemu Wiixata kaleessaa, lammilee Itiyoophiyaa tahuu kan himame nami saddeet Yemenii ka’anii Jibuutii utuu seenuuf jedhanii bishaan keessatti du’an jedhe.

Dubbi Himtuun dhaabbatichaa Yiivon Indeegee godaantota galaanarratti du’an kanaaf angawootni Jibuutii sirna awwaalaa taasisuufii himte. Warri balaa kanarraa hafe duraan deemsa nama 34 ta’anii akka jalqaban, isaan keessaa 8 bidiruurraa darbatamanii akka lubbuun darban, 26 ammoo lubbuun akka hafan raga bahu.

Dabalatas warri lubbuun hafe, warri bidiruun isaan fuudhee deemaa ture, billaadhaan sodaachisee warra saddeettan du’an sana gara galaanaatti gadi darbachuus himanii jiru.

Amma warri balaa kanarraa hafe 26’n yaala fayyaa fudhachaa akka jiranis yivoon himtee jirti.

IOM garuu dhiyeenyaa as godaantonni hedduun Yemenirraa gara Jibuutiitti Baqataa jiraachuu beeksise. Dhaabbatichi ibsumasaa harraatiin, torbee sadan darban kana qofaa sababa daangaan biyyoota naannoo baha jiddu galeessaa cufaa ta’eef godaantonni kuma lamaa ol Yemenii Jibuutiitti deebiyaniiru jedhe. Garuu warri godaantota kana Galaana diimaa qaxxaamursiisu qarshii isaanirraa buufachuuf jecha hedduu godaantota kana dararas jedhe.

Waa’ee du’aatii godaantota lammiin Itiyoophiyaa kana Embasiin Itiyoophiyaa Jibuutiin jiru akka quba qabu hime. Embaasichatti barreessaa keessaa tokko ka ta’an Obbo Bewqetuu Debaas, warra dhimmi kun ilaalu waliin taanee hordofaa jirra jedhan.

"Nutis bakka bu’oota IOM ka naannoo sana turan duuka mariyanneerra, Embasiinis dhiyootti garasitti nama erga," jedhan Obboo Bewqetuun.

Obbo Bewqetuun dhiyeenya lammilee Itiyoophiyaa dabalatee nami hedduun Yemenii gara Jibuutii deebi’aa jiraachuu himanii, isaan kanaafis mootummaan Jibuutii gargaarsa barbaachisu taasisaafii jiraachuu, Itiyoophiyaanis lammiiwwanshee akka itti ofirra deebifattu Jibuutii waliin mariyataa jirtii jedhan.

Obookitti Warra Harra galaanaan nyaatamee du’e saddeettan keessa dubartoonnillee akka jiran IOM beeksisee jira.

Godaantonni ‘Itiyoophiyaa’ Saddeet Galoo Galaana Obookitti Du’an
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:40 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG