Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godeetti dhukkuba maqaa hin beennetti nama hedduu 'galaafachuutti jira' kemikaala warshaa chaayinaa keessaa yaatuun tahuu hin ooltu jedhan


Somali region, Ethiopia
Somali region, Ethiopia

Khadar Abdi Abdullahi,nama ganna 23 iltii isaa akka nama biirtii fuudhee hadhoo taate.Ganaan harka isaallee akkasuma.

Eegee ammoo dhigatti afaanii fi funnaaniin baafatee achii nafii cufii hin iitahe.

Oowwii nafaan cehee diqquma miila dhaabate lubbuun baate, jedha gabaasii The Gurdin rakkoo naannoo Somaaleetti arge jedhe barreesse.

Nam hedduutti olloota warshaan Chaayinaa gaazii keessaa baafachuutti jirutti dhiba namii hin beenneen fayyyaa dhabuutti jria.Ollootii Kadar faatilleen dhibuma akkanaa kana himatan.

Bulchootii mootummaa ammoo dhiba namii maqaa hin beennetti naannoo Somaaletti nama fixuutti jiraachuu hin fudhanne.

Akka gaazexaan The Guardian gabaasetti ollootii naannoo Somaalee namii akkana keessaa fayyaa dhabuutti jiru, gara Godee kana warshaan Chaayinaa gaazii keessaa baafachuutit jiru.

Olloota Godeetti warrii gara lafa warshaan gaazii gaasu itti dhiyaatu nafatti caaccaphaa, ilatti keessatti citaa.

Warrii hospitaala Jijjigaa ciisee bahelleen akimii dansaa hin arganne dhiba isaaniillee hin beenneef.

Bulchooti mootummaalleen akka gabaasa The Gurdiyaanitti dhiba kana warshaa gugurdaa naannoo Somaalee keessa jirutti biyyaattiin dhufaa jedhanii yoo iitti himan ammoo dubii nama jalaa hin qaban jedha The Guardian.

Warshaa Chaayina POLY-GCL jedhan kana haga tokko mootummaa Chaayinaatti qooda keessaa qaba.

Naannoo Somaalee olloota horsiisee bulaa ardaa Kaluub jiru keessaa gaazii wayii barbaaduutti jira.

Achitti akka oduu The Gardiyaanitti nama hedduutti dhiba maqaa hin beenne kanaan lubbuu dhabe.

Kaalub Jjijjgaa irraa km 500 fagaatu daarii Soomaleetti dhiyaatu.Namii akka Kadaar faatillee warra dhiba kemikaala warshaa kana keessaa baha jedhaniin lubbuu dhabuun hin oolan jedhan.

Akka gabaasa The Gardiyaanitti yoo bokken roobu lolaan kemikaala warshaa kana guuree harolee ,eellanii fi doloolloo beennii dhugutti guuree bisaan hadheessa.

Akka itti aanaa itti gaafatamaa biiroo albuudaa fi inerjii naannoo Somaalee Hamiid Ahmed jedhetti warra dhiba kana qoratu achitti erganii qorachuutti jiran

“Warra tana qoratu yaayyuu achitti ergine akka rakkoon jirtu yaayyuu nutti himan. Warrii lafaafflleen rakkoo hedduu keessa jirraa jedha.Rakkoon jiraachuun ammoo mirkana.”

Warrii lafaa dhiba maqaa hin beenne kanaan nama hedduutti lubbuu dhabuutti jira. Itti gaafatamaan kun ammoo.

“Namii tanaan lubbuu dhabuutti jiraa jechu baannullee warrii lafaa nama hedduutti lubbuu dhabuutit jira jedha.Gabaasillee tanuma jejjedha.Nulleen akka mootummaatti qulqulleeffachuu malle.”

Akka The Guardian bulchaa aanaa Dubaayin, Huseen Sheek Siraad maqeeffatee jedhetti ganna 6 asitti nama 2,000 tahutti dhiba akkanaatiin naannoo sunitti lubbuu dhabe.

Bulchaan naannoo Somaalee maqaa himachuu hin fedhin tokko ammoo warshaan Chaayinaa kun yoo gaazii baafatu kemikaala fayyaa nama dhoortuun hujii hojjachuun mirkana jedha the Gurdiyaanitti hime.

Taatullee The Guardian bulchoota warshaa kanaa argee dubbisuu hin dandeenne.

Akka itti gaafatamaa eeyyma hujii ministerii gaazii fi albuudaa Itoophiyaa Keselaa Taaddesee jedhetti Kaalbuu fi lafa gaazii keessaa baasan gama Ogaaden keessaa kemikaalii fayyaa nama dhowwu jiraahcuu wannii waajjirii isaanii quba qabu hon jiru.

Yoo jiraatanillee akka isiin fayyaa nama hin dhoorre hojjatan.Bulchootii ammoo akkana jedhan.

“Dhaabbilee hujii akkanaa hojjatan jahatti jira.Hagii tokko eegii hujii jalqabeeyyuu yaayyuu miila dhaabae.Jarii kuyn warra amma dadahbii hujii ufii dhandhamuuf kurfoo jiru.”

Ogeedenitti ollootii kemikaalii warshaa keessaa yaatutti nama fixuutti jiraa jedhan; Jullaabuu, Dubaayin Godee,shebelii fi Qoraahee

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG