Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Booranaa Aanaa Mi'oo,Magaalaa Hiddii-Lolaatti Raayyaan Ittisaa Misirrootaa fi Namoota Isaan Waliin Jiran Shan Ajjeese


Kuusaa Suuraalee:Hiriira Mormii Hiddii-Lolaa Caamsaa,2018
Kuusaa Suuraalee:Hiriira Mormii Hiddii-Lolaa Caamsaa,2018

Waraanii Itoophiyaa Hiddii-Lolaati Misirroo dabalee nama shan fixe
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:07 0:00

Akka jiraattotaa fi bulchiinsii naannoo jedhetti godina Boorana Aanaa Mi’oo magaalaa Hiddii-lolaatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Misirroota lamaa fi waayila isaan duuka ture ajjeese.

Misirroonni misirroota kana waliinis yeroma kana humni Ittisa biyyaa nama naannoo ture irratti dhukaasee walii gala namni shan lubbuun darbeera.

Akka jiraattonni VOA’n magalaa nama itti fixan,Hiddii-Lolaa irraa dubbise jedhanitti, ajjeechaan kun ka raawwate kaleessa,Kibxata galgala.

Kaleessa galgala yeroo kana humni raayyaa ittisa biyyaa naannoo sana ture misirroowwan cidha isaaniitiin wal fudhatanii mootoraan galaa turan irratti dhukaasee misirroo lameen dabalatee lubbuu namoota shanii galaafatee kaan mammadeesse.

Namoota ajjeefaman jedhaman shanan kanattis dabalata namootni lamas dhukaasuma raayyaan ittisa biyyaa dhukaase kanaan miidhamuu jiraataan kun dabalanii himanii jiran.

Ka cidha isaa irratti ajjeefame, Kottoola Jaldeessaati, misirroon inni fudhateenii galaa ture Cuquliisa yoo taatu waayilli isa duuka ture ammo Karrayyuu Boruuti, jedhu jiraataan kun dabalanii.

Ka afuraffoo Jaldeessaa Waaqoo yoo tahu, nami shanaffoo ajjeefame maqaan haga yoonaa hin beekamne.Jaarsoo Jaldeessaa obboleessa misirroo ajjeefame Kottoola Jaldeessaati.

Namii jaarsa ka ijoollee fuudhaa galan waliin jiru obboo Bonayya: "Intaltii dootee,mucaan intal afuudhu du’ee..nalleen,jaarsa ka gula deemu du’ee nallee dhahanii ammaa akka du’aa jira bisaanti narra ejja. Harka na cabsitee,miila na cabsitee akka du’aa jira."

Akka Buufatni eegumsa fayyaa aanaa Miyoo jedhetti namoota dhukaasi itti dhuka’e keessaa shan yoosuma du’ani lama ammoo yaalaaf gara yaaballoo ergamanii jiru.

Hospitaala Yaaballootti ogeessa yaala fayyaa walii galaa ka ta’an,Dr.Diriirsaa Tashaalee namootni miidhaan irra dhaqqabe lamaan yaala ga’aa argachuu himanii jiran.

Namoota miidhaan irra dhaqqabe keessaa tokko obbo Boonayya.Nama ufiifuu du’aa fi jireenna jidduu jiru.

Jiraattonni Hiddii-Lolaa humnootni raayya ittisa biyyaa dhukaasa kana banani namoota kanarraan miidhaa erga geessisaniin booda akka namni isaaniif hin birmannellee irraa dhowwanii jechuun himatu.

Buufata eegumsa Fayyaa aanaa Mi’ootti ogeessa yaalaa ka ta’an Daawit Gurmuus kana dhugaa bahu.

Dubratii eegii madooftee saatii lamaan duuba hospitaala fidaniiadoo dursanii fidanii hinuma fayyiti jedha.

Obbo Saaroo Guttee Itti Gaafatamaa Waajjira Koomunikeeshinii Aanaa Miyoo, miseensonni raayyaa ittisa biyyaa ajjeechaa raawachuu dhugaa ta’uu himaniiru.

Obbo Saaro namootni ajjeefaman marti umrii dargaggummaa keessa ka jiran ta’uu himanii jiraattonnis warra ajjeefame awwaaluun dura mootummaan warra nama ajjeese seeraaf akka dhiyeessu eegaa jiruu jechuun himanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG