Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Gujii Keessatti Hidhattoonnii Haleellaa Geechisan Jedhame


Magaala Shakkisoo, Gujii (Suuraa faayilii)

Gareen hidhattootaa inni mootummaan Itiyoophiyaa "Shanee" jedhee waamuuf isaan immoo "Waranaa Bilisummaa Oromoo" jedhanii of waaman naannoo bulchiinsaa Oromiyaa godinaa Gujii lixaa aanaa galaanaa keessatti haleellaa balidhinaa qabeessa ta’e raawwachaa akka jiru jiraattoniif haanga’onii mootumaa ibsuu isaanii kan beekisisee gabaasiin Yoonaatan Zebidiyoos hawaasaa irraa qindeesse, gareen kun aanolee olla Oromiyaa Kochoree fi Ammaraaroo jedhamanuuf yaaddoo ta’uu isaa ibseera.

Godina Gujii aanaa Galaanatti itti gaafatamaa mamana maree kaabinee kan ta’an fi itti waamaaan bulchiinsa aanaa obbo Mitikku Tsagaaye akka sagalee Amerikaatti himanitti gandaawaan anicha jala jiran keessatti gareen kun haleelaa bal’aa raawachaa jira.

Haleelaa Kanaan namoonii obboo Nage’oo Gammada, Galgaloo Biiftuu, Dubbee Hoxxeessoo fi Ayaalaa Leeqaa jedhaman akka ajjeefan hanga’oonii anichaa dubbachuu isaani kan ibsee gabbasii kun lola kana ilaalchisee garee Waraanaa Bilisumaa Oromoo jedhee of waamuu irraa ibsii kennamee akka hin jirre beeksiseera.

Yaadawwan Ilaali (5)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG