Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Kaalifoorniyaa nama miliyyoona 40ti keessa qubata bulchiinsii isaa akkuma COVID-19 dhufeen falatee nama hedduu balaa irraa oolfate


los angeles beaches

Bulchiinsii godina Kaalifoorniyaa akka jabaa falatee jalqaba irratti COVID-19 ummata irraa dhowwee nama hedduu dandamachiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:39 0:00

COVID-19 vaayireessiin addunyaa miila jalaa guure biyya188 caala keessa jiraa nama milioona 8.5 caalaa irratti argan.

Amerikaa keessaa nama miliyoona 2.2 caalaa irratti argan kuma 120 galaafate.

Akka godinaatti New York nama kuma 31 caala dhiba kanaan dhabe,New Jersery nama kuma 13 caalaa dhabde. Kaalifrniyaa nama kuma 160 caalaa irratti arganii taatullee nama 5,200 caalaatti irraa lubbuu dhabe.

Godinii Golden State jedhanii maqaa baasaniif kun akkamiin dhiba kana dandamte?

Dr Guddataa Hinnikaa Kalifooriyaa,Los Angeles hospitaala Dignity Hospital Center keessatti itti gaafatmaaa balaa gugurdaati.Godina kana keessatti koree tohannaa COVID-19 keessatti filatamee hojjata.

Bulchaan godina Kaalifooriyaa Gavid Newsom karoora jabaan nama balaa irraa hambise jedha.

  • Manneen nyaataa fi dhugaatii cufanii akka namii gargar faffagaatu tolchan
  • Ka dhibame ariitiin akimanii tohatan
  • Nama shakkame akkuma beekameen hospitaala geessan
  • Koree tohannoo COVID-19 qopheessanii hospitaalaa fi magaallan tohatan
  • Ogeeyyotaa fi hospitaaii waan isaaniif male qabaachuu isaa qorqoratan
  • Ummataan waliin hojjatan
  • Namii dhiba kanaan du’e akka innii itti du’e jabeessanii qoratan
  • Lafatii gargar babalachuun isiilleen waan hedduun gargaare
  • Godinii kun dureessa tahuun isaalleen nama hedduu gargaare.

Kaalifoorniyaa keessatti dhukkubii kun amma mumullachuutti jira.

Dhaabii Dr Guddataan faatii Oromiyaatti ummataan gargaaran Ethiopinan Health Aid jedhan.

Mana akimii fi hospitaala Shaashamannee fi Arsii Nageelleetti bananii hujitti jiran. Baruma baraan mi’a wallaansaa fi ufillee tolaan biyya gargaruuf Itoophiyaa dhaqan.

Gorsa

Dhukkubii kun addunyaatti dhufe kanaaf dhukkuba siyaasaa tolchuu dhiifnee dhukkuba ummataa tolchineeummataa gargaruu malle jedha Dr Guddataan. Ogeeyyotii fayyaa N95 argachuu qabu jedha.

“Koronaan dhiba siyaasaa osoo hin tahin dhibee ummataa goonee ummataa haa gargaarruu.Seenaan bori nu gaafataa.We should never politicize COVID-19!” jedhe.

Yaadawwan Ilaali (4)

XS
SM
MD
LG