Xurree ittiin seenan

Breaking News

Golli Naga-eegumsaa Har’a Waa’ee Itiyoophiyaa Irratti Dubbachuuf Jira


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Itiyoophiyaan aangawoota gargaarsaa gameeyyii kan Tokkummaa Mootummootaa 7 biyya ofii keessaa baasuu ishee kan ilaaleen barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees har’a gola naga eegumsaaf ibsa kennu.

Mootummaan mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad Fuulbaana 30 hojjattonni gargaarsaa 7sa’atilee 72 keessatti biyyatti akka gadhiisanii ba’an eega labsee booda, Gollii naga eegumsaa waa’ee Itiyoophiyaa irratti ennaa wal ga’u torban tokko keessatti inni ammaa kun yeroo lammataaf ta’u isaati.

Hojjattoota gargaarsaa kana baasuun, haala gad adeemaa jiru keessatti kallattii sirrii hin taanee qabachuuf tarkaanfii dabalataa fudhatamee jechuun tokkummaa mootummootaatti Ambaasaaddarri Ayeer Laand Jeraaldiin Byrne Naason kan dubbatan yoo ta’u mootummaa isaanii bakka bu’uun walgahiin kun akka gaggeeffamu gaafatan.

Isaanis akka jedhanti, aangawoota gargaarsaa kana iddoo isaanti deebifamuun barbaachisaa ta’u, akkasumas hariiroon tokkummaa Mootummootaa fi itiyoophiyaa gidduu iddotti deebi’uu qaba jedhan.

Kun hariiroo akkaan barbaachiisaa dha jechuun oduu gabaastotaaf ibsanii,wanni uumamee haala yeroo ammaa keessa jiraachuu feenu miti jedhan.Falmiin haala hin jirree keessatti gargaarsa dhala namaa dabaluun danda’amu ilaaluuf jirra jedhan.

Itiyoophiyaan hojjattoota koo biyya ishee keessaa baasuuf deggersa seeraa hin qabdu jedha Tokkummaan Mootummootaa.

Golli Naga-eegumsaa Har’a Waa’ee Itiyoophiyaa Irratti Dubbachuuf Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:09 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG