Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gujiitti Ibiddi Gaara Olaatiitti Qabate Bosona Irratti Miidhaa Geessise


Oromia map
Oromia map

Ibiddii Gaarren Gujii gube yadhaame mo hin dhaamne?
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:49 0:00

Ibiddi Gujii Bahaa Aanaa Girjaa gaara Utaaliitti qabate bosona naannoorraan balaa geessisuu jiraattonni dubbatan. Ibiddi kun kibxta darbee kaasee bosona kanaa gubaa akka ture dubbatanii jirani.

Angawootni naannoo ibidda kana dhaamsineerra jedhanus jiraattonni garuu, ibiddi kun harrallee gaara Utaallii gubaa akka jiru dubbatu, Galmoo Daawit dabalata qaba.

Akka jiraattonni jedhanittii Gujii Bahaa Aanaa Girjaa gaara Olaatiitti ibiddi ka qabate kibxata waaree booda ture.

biddi kun haga harraallee bosonarraan balaa geessisaa akka jiru jiraattonni VOA’f himaniiru.

Jiraataan Aanaa Girjaa Magaalaa Aramfataa waa’ee ittiin ka’umsa ibidda kanaa hin beekame.Ibidda kana dhaamsuufis jiraattonni naannoo tumsa barbaachisu taasisanullee haga yoonaa kallattii gar-tokkee gaara kanarraa qofaadha dhaamsuun dandaa’amee jedhu jiraatan.

Naannoo balaan ibiddaa itti dhaqqabe kun holqa hedduu waan qabuuf ibidda holqa keessaa kana dhaamsuun namoota naannootti rakkoo akka ta’ellee dubbatamee jira.

Obbo Nageessa Gurraacha Itti Gaafatamaa Waajjira ODP Aanaa Girjaa ibidda kun haga yoonaa miidhaa inni geessise baruun hin danda’amne jedhu.

Obbo Nageessaan balaa Kanaan lubbuu namaa fi beeylada irra wanni dhaqqabe akka hin jirrellee dabalanii himanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG