Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumii Baqattoota Noorweey Irra Uggurri Itiyoophiyaan Keesse Ka’e


FAAYILII - Mooraa baqattootaa Hitsaat naannoo Tigraay keessa jiru
FAAYILII - Mooraa baqattootaa Hitsaat naannoo Tigraay keessa jiru

Gumiin dhimma baqataa kan Norweey, hojii gargaarsa namoomaa isaa irra baatilee shaniif uggurri kaa’ame ka’uu angawoonni Itiyoophiyaa beeksisaniiru.

Jarmayaan abbaa taayitaa kan hawaasa siivilii fedhii gargaarsa namoomaa biyyattii keessaa fi mala gargaarsaaf dhaqqabu ilaalchisee deggersi gumiin baqattootaa kennuu fi dhimmootii hojii dhaabichaa waliin wal qabatee jiru akkasumas dhimmootii bulchiinsaa tuquu dhaan xumura baatii Adoolessaa irra uggura kana ajaje. Boordiin abbaa taayitaa hawaasa sivilii kun uggura kana xumura baatii Onkoloolessaa irra dheeressuu dhaan gaaffii itti dabalaa gaafate. Gumiin dhimma baqataa kan Noorweey illee adeemsa sana keessatti himannaalee dhiyaatanii fi gaaffilee ka’an maraaf deebii hatattamaa fi ibsa kennee jira.

Boordichi uggura sana muddee 31 kaasuu dhaan dhaabichas himannaalee dhiyaatan hedduu irraa walaba godhee jira. Dhimmootii bulchiinsa kan dhaabichaa lama tuquu dhaan illee akeechiisa cimaa kenneefii jira.

Muummicha barreessaa gumii baqataa Norweey kan ta’an Jan Egeland “kanneen kuma dhibbaan laka’amanii fi rakkoo keessa jiraniif hojii gargaarsa namoomaa hojjechuuf uggurri yeroof ka’ame ka’uu isaatti boqonnaa arganneerra jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG