Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumii-Eeldallootti 'shanee qallabdan' jedhanii horsiisee bulaa irreen walti godaansisanii namii rakko hamtuu keessa jira jedha warrii lafaa


Oromia map
Oromia map

Gujii Bahaatti olloota Horsiisee bulaa hedduu shanee qallabdan jedhanii walti godaansisan jedha warrii lafaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:51 0:00


Warrii godina Gujii Bahaa rakkoo bulchiinsa nurraan gahe jedhe hedduu himata;hidhaa,dhaanichaa fi waan hedduu.Mootummaan ammoo Shaneetti naannoo sunitti biyya jireenna dhowwuutti jira jedha.

Dhiyoo tana ji’aa asitti akka warrii lafaa jedhutti aanaa Gumii Eeldalloo fi aanaa Liibaniitti ummata humnumaan maasaa fi waan innii qabu irraa walti godaansisanii afaan karaa qubsiisan.

Lafa km kunrya hedduu irraa nama godaansisanii lafa suni namii keessa bahuu hin dandahu jedha.

Shanee qallabdaniif raasaa keessa ciiftan jedhanii walti nu godaansisanii rakkoo hamtuu keessa jirraa jedha warrii lafaa.

“Waan qamnu lafatti lakkimnetti biraa yaane midhaan jaldeessaa fi goljaatti balleessuutti jira,” jedha.

Ollaa qubate waraanatti eegaa gabayaallee dhaqachuu hin dandeennuu beela hamtuu keessa jiraa jedha warrii lafaa.Midhaan makiinaa jahaa mootummaan nuu ergellee torbaan dabre Nageellee Booranaatti karumatti gorfatanii gurguran jedha warrii lafaa.

Lafa akka Madheeraa faatti namii beelaan gaggbauutti jira jedha warrii lafaa.

Ardaan nama keessaa godaansian “akka eegumsaaf tahutti” afaan karaati qubsiisan jedhan;Funnaan Girii, Funnaan-Baddanaa, Bulbul, Adaadii,Bokkoola, Gursumaa fi fulaa hedduu.

“Isan Shanee qallabdanii shanee wa kennitanii jedhanii kara irratti oli nu godaansisanii achitti waraanii nu eega.”

Fulaan nama walti qubsiisan jedhan Boobaa- Gaddaa,Malkaa-Gubaa,Dambii.

Ardaa Dambii keessaa namii beelaan gaggabuutti jiraa jedha warri lafaa. Roobii dabarte keessaa maatii Baggajjaa Diida Areroo, maatii Carqoolee Boruu Roobaa, Badhaasaa Galgalooti fi maatii hedduutti waan nyaatu dhabee gaggabee jedha warrii lafaa.

Deebii Bulchaa aanaa Gumii-Eeldalloo, Huqqaa Dhibaa

Shaneetti lafa jeequutti jira “sababa Shaneetiin gaagahamatti jira.

Ummatumatti taa’ee rakkoo jiruu fi jireennaa akkamiin jalaa baana jedhee mari’ate

Faffacaanee qubachuu manna walti dhiyaannee lafa eegannaa jedhee walti godaan

“Humna walii taanee Shanee ufi irraa dhoorra jedhee walti godaane.”

Laftii keessa bahuu nama dhowwanillee hin jirtu akka jecha isaatti.

Ardaa Madheeraatii namii beelaan gaggabe hin jirtuu “dhara gurraattii."

Taatullee “ummatii ardaa jiru irraa yoo godaane silaafuu rakkon akka jirtu beekamaa," jedha.

Warrii lafaa ammoo waan qamnu cufa irraa nu godaansisanii waraanii marsee nu eeguutti jiraa loonilleen lakkahanii galmee mootummaatti harkaa qabaa qalachuullee hin dandeennuu waan nu keessa jirru koottaa nu laalaa jedha.

Gujii Bahaa keessaa Har-Qalloo,Gooroo-Doolaa fi fulaa hedduutti namii bulchiinsa waan hedduun himata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG