Gamtaa Afrikaaf bakka bu’aa olaanaa kan biyyoota gaanfa Afrikaa kan ta’an Olusheeguun Obasaanjoo waliin bilbilaan dubbachuu isaanii Barreessaa dureen tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Gutarrees beeksisanii jiru.
Kunis walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessaa kan ilaaleen Obosaanjoon dhiyeenya kana imala Finfinnee fi Maqaleetti gaggeessanii eega deebi’anii booda ta’uun ibsamee jira.
Yaalii mootummaan Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Ummata Tigraay(TPLF) walitti bu’iinsa hokkaraan guutamee furmaata barbaachuuf yaalii gochaa jiranii fi furmaannii karaa siyaasaa fi diploomaasiif carraan akka jiru natti himan jedhan.
Waggaa tokkoof walitti bu’iinsa hidhannoo gaggeeffamee uummata Ityoophiyaa fi kan kutaa Sanaa miidhe sana booda, nagaa buusuuf yaaliin akka jiru arguun waan gammachiisaa dha jedhanii jiru.