Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Dubartoota Addunyaa Maal Yaadatee Oole?


Addunyaa irratti guyyaa guyyaan dubartonni kum tokko ta’an rakko yeroo ulfaa fi da’uumsaa uumamuun lubbuu ofii kan dhaban ta’uu gareen gargaarsa wal’ansa fayyaa kennu “Doktoroota Daangaan Hin Uggurre” jedhamu beeksisee jira. Gareen kun akka jedhutti duuti haadholii mudatan kun ittifamuu danda’uu.

Kan har’a kabajamee oole guyyaa dubartoota addunyaa sababaa gochuun gabaasaa dhaabbati kun baase kanaan dubartoota ulfaa guutuummaa addunyaa irra jiran keessaa harka dhibba irraa harka 15 kan ta’an dhibee fayyaa adda addaa kan lubbu isaaniif sodaachisuutu isaan mudata.

Rakkoo yeroo ulfaa fi da’umsaa akk dubartoonni lubbu dhaban godhan shani kan jedhu jaarmayaan kun isaaniis, Qaama keessatti dhiigu (Hemooreej) Daariiqa ynk infekshinii, haala sirrii hin taaneen ulfa of irraa baasuu, dhiibbaan dhigaa dabalu fi ciniinsuun yeroo dheeraa turuu ykn mucaan karaa sirrii hin taaneen dhufuu ta’uu beeksise.

Dubartonni eega da’anii booda kunuunsi da’uumsaa boodaa, sagantaa karoora maatii fi fayyaa kan ilaaleen barumsa kennuu itti fufuun barbaachisaa ta’uun ibsameera.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG