Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doonaald Traamp Guyyoota Prezidaantummaa Isaanii 100 Ka Jalqabaa Keessatti  Carraa fi Danqaaleen Qaban Maal Maali?


Doonaald Traamp Guyyoota Prezidaantummaa Isaanii 100 Ka Jalqabaa Keessatti  Carraa fi Danqaaleen Qaban Maal Maali?
Doonaald Traamp Guyyoota Prezidaantummaa Isaanii 100 Ka Jalqabaa Keessatti  Carraa fi Danqaaleen Qaban Maal Maali?

Filatamaan Prezidaantummaa, Donaald Traamp, qormaata cimaa ka guyyoota prezidaantummaa isaanii dhibba isaan jalqabaatti, carraa gaariiddhaan deemaa jiran. Kunis, manni-maree Yunaayitid Isteets, yokaan Kongiresiin ol’aantummaa paartii Ripaabilikaaniin ka to’atame ta’uu isaa ti.

Jalqaba baatii Muddee irratti afaan-yaa’iin mana-maree Yunaayitid Yunaayitid Isteets – Pool Raayaan, filatamaa prezidaantummaa Donaald Traamp wajjiin, gamoo isaanii Niw-yoork jiru, ka “Traamp Taawor” jedhamu keessatti eega wal-arganii booda, hafuurri tokkummaa waan gidduu isaaniitti uumame fakkaata. Biyya kana deebisnee gad-dhaabuuf, haga bara 2017 jalqabnutti jarjarree jirra – jedhu – Pool Raayaan.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets haaraan kun, sadarkaan milkaa’ina isaa dhimmoota hedduu irratti hundaawa.

Kanumaa, Traamp, akkuma duraan dubbataa turan, karoora eegumsa fayyaa, ka prezidaant Obaamaan dhihaatee raggaasiksamee ture, kan namoonni “Obaamaa Keer” jedhanii waaman guutummaatti diiguuf deemuu?

Ripaabilikaanonni, ol’aantummaan isaan mana-maree murtii seeraa keessatti qaban, sagalee baay’ee xiqqoodhaan waan ta’eef, waa’ee imaammata Obaamaa kana tarkaanfiin fudhatan yoo of eegganaan hin taane, proojektiilee isaanii ka biroo gara fuul-duraatti dhiheessan irratti danqaan isaan mudatuu mala – jedhama. Miseensonni Kaabinee, Traamp dhiheessan, mana-maree murtii seeraa yokaan “Seneetii” Yunaayitid Isteets duratti gaaffiilee ciccimoo tu eeggata.

Gama mana-maree bakka-bu’ootaa tii illee, ka Pool Raayaan – sagantaalee mootummaa gad-muruuf yeroo dheeraaf dhiheessaa turan, dimookiraatonni cimsanii dura-dhaabbachuuf jiran. Gama kaaniin immoo, sagantaaleen akka Pool Raayaan cufuu barbaadan, ka Donaald Traamp itti-fufsiisuuf waadaa seenaa turani.

Dhimmoonni Traamp tarkaanfachiisuuf waandaa seenaa jiran irra-hedduun isaanii, ka Rippaablikaanonni Mana-maree keessaa fedhan waan hin taaneef, gaaffiin jiru “Dhimmoota Traamp itti dhiheessuuf deeman kana keessaa haga fudhachuu diduudhaan, prezidaanticha danqu?” ka jedhu. Deebiin kanaan immoo, eega prezidaantichi taayitaa qabatanii hojii jalqabanii booda, guyyoota 100 duraa tii booda, Ripublikaanonni hagam akka tokkummaadhaan turan irratti hudaandwa – jedhama.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG