Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Bulee Horaa fi Amboon Har’a Maal Keessa Jiru?


Amboo
Amboo

Godinaa Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaa keessatti kamiisa kaleessa galgala dhukaasa meeshaalee gurguddaa tu dhaga’amaa ture jedhu jiraattonni.

Namni tokko waraanaan rukkutamee madaa’uun illee beekamee jira.Jiraattonni aka jedhanti laftii nagaa kan oole yoo ta’u erga uummanni rafee booda sa’atii afuur irratti dhukaasii kun dhaga’amuu jalqabe.

Har’a ganama haala jiru yeroo ilaalan manneen kudhan ta’an kan gubaman yoo ta’u raayyaan waraanaa nagaan eegsiisa jechuun bobba’uu dubbatu.Namnii tokko har’a waraanni rasaasaan rukutee madeessuu isaa ibsanii jiran.

Walitti bu’iinsii daangaa gosa Burjii waliin ammaan dura akka ture kan ibsan itti gaafatamaan waajiira komunikeshinii godina Gujii Lixaa Obbo Lammaa Tafarraa warra Burjii irraa nama midhaan isaa jalaa gubatee tokkootu dhukaasaa ture odeeffannoo jedhu akka qaban dubbatan.

Warra Burjii meeshaalee gurguddoo eessaa argatan? Inni jedhu gaaffii uummata naannoo sanaati jedhan.

Gama kaaniin godinaa Shawaa Lixaa, magaalaa Ambootti lakkoobsi namoota ajjeesamanii amma 11 ga’uu ibsamee jira. Raayyaan waraana biyyaa eda galgala mucaan umriin isaa kudha lama hin caallee ajjesuu isaa jiraatonni ni dubbatu.jira.

Kanneen keessaa reeffii namoota shanii har’a magaalaa Amboo keessatti awwaallamee jira. Kanneen hafan maatiwwan isaanii naannoodhaa dhufanii fudhatan jedhama.Haallii Amaboo keessatti gaggeeffame sukaneessaa ta’u jiraatonni dubbatanii jiru.

Gaaffii fi deeebii gaggeeffame caqasaa

Magaalaan Bulee Horaa fi Amboon Har’a Maal Keessa Jiru?
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:26 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG