Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Baqattoota Oromoo Mooyyalee Baqatanii Keeniyaa jiran


Haala Baqattoota Oromoo Mooyyalee Baqatanii Keeniyaa jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:10 0:00

Haala Baqattoota Oromoo Mooyyalee Baqatanii Keeniyaa jiran

Lammileen Oromoo Kuma 10tti tilmaamaman ajjeechaa Mooyyalee tti ta’een booda baqatanii amma Keeniyaa Naannoo Solooloo qubatanii jiru. Kanaan dura baqattoonni kun bakkeewwan qubannoo afur keessa qubatanii ka turan yoo ta’an, amma garuu Jaarmayaa Mootummootaatti Dhaabbati Baqataa UNHCR, baqattoota kana deeggaruun akka salphatuufiif bakka Dambalaa Fachaanaa jedhamutti walitti isaan qabuutti jira. Baayyeen baqattoota kanaas gara buufat amma keessa buufatan kanaa erga dhufanii turban sadii yoo ta’u, harka duwwaa gara kana dhufuu isaaniis himu.

Lammileen Keeniyaa naannoo baqattoonni qubatan jiraatanii fi Mootummaan Keeniyaa baqattoota kanaaf haga tahe deeggaranus lakkoofsi baqattootaa hedduummachuun rakkoo kaan ta’eera. Kanaafis Mootummaan Keeniyaa Jaarmayaa Mootummootaa ka dhimmi baqataan wal dubbatee gargaarsi midhaan nyaataa akka isaaniif dhiyaatu gochaa jira. Jaarmayaa Dhiyeessa Midhaan Nyaataa (WFP) Damee Keeniyaatti Hordofaa Dhimma Imaammataa ka ta’an Mr. Piiter Otiyeenoo, ‘Dhaabbati isaanii midhaan nyaatan baqattootaaf dhiyeessuun isaan cinaa dhaabbataa jiraachuu himu. Ammas haga mootummaan biyyattii baqattoota kana cinaa dhaabannu nu gaafatetti isaan gargaaruufillee qophiidha jedhu.

Galmoo Daawit buufata baqattootaa Dambalaa Fachaanaa jirutti imalee qophii itti aanu qindeesseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG