Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Barattoota Yuniversitii Tigraay Keessaa Ilaalchisee Odeeffannon Kenname


Asxaa Ministrii Saayinsii fi Barnoota Sadarkaa ol Aanaa Itiyoopiyaa
Asxaa Ministrii Saayinsii fi Barnoota Sadarkaa ol Aanaa Itiyoopiyaa

Ministriin saayinsii fi barnoota sadarkaa ol aanaa Itiyoopiyaa Yuniversitiiwwan naannoo Tigraay keessa barattoota jira ilaalchisee maatiin barattootaa fi midiyaaleen odeeffannoo akka kenninuuf irra deddeebi’uun gaafataa turan jedhee jira. Waajjirri ministeera keenyaas qaamotii adda addaa, hooggana Yuniversitiiwwanii fi waaltaalee gargaarsaa kan sadarkaa addunyaa waliin ta’uu dhaan dhimma isaa irratti hojjetaa jira.

Yaalii godhameenis, hoogganoota Yuniversitiiwwanii arguun dandaamuu isaaf barattoonni haala gaarii irra ka jiranii fi qoramaata isaanii xumura waggaa ka lammataa fudhachuuf qopheerra jiraachuun beekameera.

Kanaaf maatiin barattootaa ijoolleen isaanii haala gaarii keessa jiraachuu hubatanii, yaalii mootummaan eegale akka deggeran waamicha dabarsina jedha ibsi ministricha biraa kenname.

Yeroo itti aanu, barattoonni qormaata isaanii ennaa xumuran dhimmootii jiran kan beeksisnu ta’uun akkuma jirutti ta’ee, maatiin barattootaa sabaa himaa mootummaan odeeffannoolee tamsaasaman qofaa akka gargaaramanii fi tasgabbaaanii akka eegan yaadachiisna jedha ibsi ministrii saayinsii fi barnoota sadarkaa ol aanaa biraa kenname kun.

Gama biraan raayyaan ittisa biyyaa naannoo Tigraay keessaa ba’uuisaatti aansuu dhaan barattoonni Yuniversitii Raayyaa keessatti barnoota isaanii hordofaa turan kanneen 200 ol ta’an lukaan deemanii godina Walloo kaabaa magaalaa Waldiyaa seenuu isaanii VOAf ibsaniiru.

Barattoonni kun daandii irra utuu jiranii hiriyoonni isaanii afur iggitamanii amma eessa akka isaan jiran kan hin beekne ta’uu dubbatan.

Barattoonni kun Waldiyaa erga geenyee deggersa ga’aa hin arganne jechuun komee dhiyeessaniiru. Itti gaafatamaan waajjira bulchiisa godina walloo kaabaa Yifruu Zerihuun garuu godicnichi waan danda’e gochaa jiraachuu isaaf gaaffiin barattootaa hangi tokko sadarkaa federaalaatti malee kan godinaatti furmaata argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru jechuun Mesfin Argage gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG