Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Itiyoophiyaa Kaabaa Irratti Ibsa Tokkummaa Mootummootaa Biraa Kenname


Naannolee lolli keessatti kaka’e kan akka naannolee Amaara fi Affaar keessa kan jiru haalli nageenyaa fooya’ina hanga tokko argamsiisuus, haalli Itiyoophiyaa gama kaabaa akkaan kan jijijjiiramuu fi tilmaamuun kan hin danda’amne ta’uu waahiloonni keenya gargaarsa namoomaa nutti himaniiru jechuu dhaan itti aanaa dubbi hiamaan tokkummaa mootummootaa Farhaan Haaq gaazixeessotaaf ibsaniiru.

Naannoo Amaaraa keessaa kanneen qe’ee ofii irraa buqqa’an hangi tokko gara naannoo isaaniitti deebi’aniiru. Haa ta’u malee sababaa gamas dhaqqabuun rakkisaa ta’eef lakkoobsa namoota kanaa adda baafachuun hin danda’amne. Affaarii fi Tigraay gama dhiyaa keessaa namoonni qe’ee irraa buqqa’uu itti fufaniiru jedhan.

Godina Tigraay kibbaa magaalaa Alamaaxaa fi naannoo isaatti Muddee 15 hanga 17 yeroo jiru keessatti haleellaan samii irraan raawwatamuu dhageenyee jirra jechuu dhaan waahiloonni keenya nuuf ibsaniiru jedhan Farahaan Haaq. Namoonni hedduun illee du’uun gabaasameera jedhan. sababaa nageenyaa akkasumas gamas dhaqqabuuf haalli jiru murtaa’aa ta’uu isaan waahiloonni keenya gabaasa kana dhuunfaan mirkaneessuu hin dandeenye jedhaniiru.

Tobarn darbee qabee sababaa akkaataa hojii fi rakkoo nageenyaaf jecha konkolaataan gargaarsaa karaa Affaar ba’ee Maqalee kan dhaqqabe hin jiru. Hanga har’aatti, konkolaataan midhaan nyaataa fi meeshaalee nyaata madaalamaa fe’atan magaalaa Abalaa dhaabatanii jiru.

Haala gargaarsa namoomaa hamaa fi innumaa haalli kaaba Itiyoophiyaa keessaa hammaataa deeme nu yaaddessa. Gareeleen martinuu kanneen walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaatan, hojjettoota gargaarsa fi dhiyeessiin gargaarsaa gara Tigraay, Affaarii fi Amaaraa walaba itti fufiinsaa fi nageenyi eegamee akka deddeebi’u hatattamaan haalli akka mijaa’u ni gaafanna jedhan. gama biraan Itiyoophiyaan gama kibbaa fikibbi gama bahaa yroo ammaa hongeen kan isaan mudate yoo ta’u, kunis jireenyaa fi beeladaalee akkasumas hanqina bishaanii waan dhaqqabsiiseef haalli namoomaa akkaan gad adeemaa jira. Hojiin gargaarsaa guutuu Itiyophiyaa keessaa hanqina doolaara biliyoona 1.2 isa mudatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG