Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Fayyummaa Hoogganaa Biyyaa Uummata Jalaa Dhokachuu Hin Qabu Jedhu Mormitoonni


Sirna demoktaatawaa sirni mirga namaa kabajuu fi sirni federaalaa dhugaan utuu jiraatee dhukkubini hoogganaa biyyaa icitii dhaan hin qabamu jechuu dhaan barreessaan warraaqsa Federaalisitii oromoo obbo Baqqalaa nagaa hubachiisanii jiran.

Haalli fayyummaa fi dhabamuu isaanii saba isaan mindeessee hojjechiisutti himamuu qaba ture jedhan. Kana irraan kan ka’e biyyatii keessatti yeroo ammaa olola adda addaatu oofamaa jira, kaan du’aniiru yoo jedhan kaan, fayyaa dha jedha mootummaan immoo nagaa dha dhukkuba xiqqoo dha jedhu jedhaniiru.

Yeroo Obbo meles Zenawi hojii irra hin jirretti eenyutu biyya bulcha eenyu ajajaan waraanaa isa jedhuuf hedduu nu rakkisa jedhu obbo Baqqalaan.

Itti aanaa muummicha ministeeraatu biyya hooggana isa jedhu amanuun nu rakkisa sababiin isaas Ihaadeeg namoota taayitaa irra jiran ofumaa moggaasa malee kanneen hojjetan qabsaa’ota biroo dha jedhan. Yreoo ammaa obbo Meles eessa akka jiran haalli isaanii attam akka ta’e haalli isaa icitii waan ta’eef odeeffanno hin qabnu jedhan.

Gabaasa guutuu MP3 tuquu n dhaga’aa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG