Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Haalli Nageenyaa Nu Yaachisa’ – Jiraattota Godinaalee Gujii


Oromia map
Oromia map

Torbee darbee kaasee godinaalee Gujii Bahaa fi Lixaa keessatti haalli nageenyaa rakkisaa ta’uu jiraattonni dubbatan. Kanaan wal qabatee keessumaa Gujii Lixaa Magaalaa Shaakkisootii namootni to’annoo jela akka oolfamanillee himan. Haaluma wal fakkaatuunis torbee darbe Bulee Horaatti lubbuun dargaggoo tokkoo harka raayya ittisa biyyaatti akka darbes jiraattonni VOA’f himaniiru. Waa’ee namoota hidhamanii Bulchaan Magaalaa Shaakkisoo Obbo Xardhoo Makkoo, ‘namootni to’annoo jela oolfaman marti kaleessa akka gadi dhiifaman yoo himan; Bulchaan Godina Gujii Lixaa Obbo Abarraa Bun’oo Bulee Horaatti namni du’uun dhugaa ta’uu nuuf raggaasisaniiru.

Dhuma ji’a Onkoloolessaa kaasee Godinaalee Gujii keessatti rakkoon nageenyaa akkaa uumamaa jiru jiraattonni dubbatan. ka’umsi rakkoo kanaa walii galuu dhabuu mootummaa fi Adda Bilisummaa Oromoo gidduutti dhalateen booda naannochatti raayyaan ittisa biyyaa bobbaafamuudha jedhu. Namootni Godinaalee Gujii lameen keessa jiraatan boorawuu nageenyaa naannoo isaaniif humna Ittisa Raayyaa komatu.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:25 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG