Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Siiriyaa Yaaddessaa Ta’uu Golli Naga Eegumsaa Akeekkachiise


Siiriyaan har’a marii ijoo diplomasummaaf qiyyaafata taatee jirti. Mariin kunis dhiiga dhangala’uu konyaa Idilib bakka ripxe loltootaan to’atamee ittisuuf jecha.

Prezidaantii Raashiyaa, Turkey fi Iraan Tehran keessatti marii geggeessanii jiran.

Raashiyaa fi Iran michoota Siiriyaa yoo ta’an waraana ishees ni deggeru. Kan Idilib waliin wal daangessitu Turkiin immoo ripxe loltoota deggertyi.

Yoo humnootiin Siiriyaa haleellaa itti fufan rakkoon baqattummaa jiraachuu mala jechuun Turkiin yaaddoo qabdu ibsitee jirti.

Gama biraan immoo gulli naga eegumsaa kan tokkummaa moodtummootaa NY keessatti wal ga’ii hatattamaa geggeesuuf jira.

Miseensonni gola naga eegumsaa Awrooppaa saddeeti waliin ta’uun kaleessa ibsa baasaniin haleellaan waraanaa Idilib akkaan isaan yaaddessuu ibsanii balaa namoomaa hamaan siivilota irra ga’uu mala jechuun illee akeekkachiisaniiru.

Waraanni guutummaan Idilib irratti geggeessamuun ijoollee miliyoona tokko naannoo sana keessa jiran dabalatee siivilota miliyoona sadii balaaf saaxiluu mala jedha ibsi sun.

Biyyoonni Saddeettan Trukii, Raashiyaa fi Iraan Idilib keessaa lola akka dhaabaniif siivilootaaf eeggannoo gochuuf dursa akka kennan gaafataniiru.

XS
SM
MD
LG