Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Sudaan Kibbaa Yakka Hojjetaniif Adamabaman


Manni murtii waraanaa Sudaan kibbaa loltoota kudhan kanneen hojjettoota gargaarsa biyyootii alaa humnaan gudeedanii gaazexeessaa naannoo tokko hotela Terrain keessatti waggoota lama dura ajjeesuun himataman hidhaa dhaan adabee jira.

Manni murtichaa mootummaan haleellaa Adoolessa 11 bara 2016n kanneen miidhaan irra ga’eef hirpaha akka baasu gaaffatee jira. Humnoonni mootummaa guyyoota sadiif loltoota itti aanaa prezidaantii duraanii Riyaak Maachaar waliin wal waraanaa turan.

Kanneen ijaan argan akka jedhanitti namoota hidhatantu hoteela tokko haleele. Hojjettoonni gargaarsaa immoo miilii tokko irraa fagaatanii kan argaman yoo ta’u humnoonni tokkummaa mootummootaa akka dhaqqabaniif gaafataa turan jedhan. Humnoonni nagaa eegisisan hin dhaqaabnee. Lammiin Keenyaa Lt. General Johnson Mogoa Kimani Ondieke, Comannder gurmuu tokkummaa mootummootaa kan Juubaa keessaa sana booda.

XS
SM
MD
LG