Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexeessaa Hamzaa Booranaa jijjiirama biyyiti itti jirtu 'gadi dhaabuuf' Raadiyoo Daandii Haqaa fuudhee galuuniitti jira


Daarektera Raadiyoo Daandii Haqaa,Hamzaa Booranaa jijjiramatti daramuuf galaaf karaa jira

Gaazexeessaa Hamzaa Booranaa jijjiirama jiru jabeessuuf "Raadiyoo Daandii Haqaa" fuudhee biyyattiin galuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:14 0:00

Raadiyoon Daandii Haqaa (RDH) dhaaba raadonii ganna afuriin duratti inteneetii irratti rakkoo Oromo addunyaatti himuuf biyya Sawudii Arebiyaatti hujii jalqabe.

Nama ufiifuu baqatee biyyaa bahee Hamzaa Booranaatti Sadaasaa 27,2014 RDH yayyabee itti gaafatamaa tahee hojjachaa bahe.

Hamzaa nama ganna 32ti ganna 7n duratti baqatee biyyaa bahe. Hamzaan Koollejjii Asellaatii bara 1998 eebbifame biiroo mootummaallee keessa gara ganna 2-3 hojjajte.Hamzaan Oromoo Tuulamaati godina Booranaa aanaa Areerootti dhalate. Teessoon maatii isaa Yaaballo.

Daarektera Raadiyoo Daandii Haqaa,Hamzaa Booranaa jijjiramatti daramuuf raadoniillee fuudhee biyyatiin galuutti jira
Daarektera Raadiyoo Daandii Haqaa,Hamzaa Booranaa jijjiramatti daramuuf raadoniillee fuudhee biyyatiin galuutti jira

Koree musliimaa fala barbaaddu waliin himatanii federaali xalyaa qabaniin itti barreessanii jennaan Sawudiitti duraa miliqe.

Sawudii Arebiyaa keessallee sodaaf jedhee lullukaa jriaate ardaa jijijjiirachaa mana 11 keessa jiraate.

Ogumaan nama hujii qonnaa barate tahullee akka inni jedhutti namuma gagaafachaa Sawudii gahee raadonii BBN irratti Bitootessa 10,2013 jalqabee Afaan Amaaraatiin jalqabee rakkoo Oromoo biyyatti himuu jalqabe “sagantaa daqiiqaa sagalii hojjachuun jalqabee.”Achii ammoo Afaan Oromootiin hojjachu jalqabee.Achitti ganna ganna 1.5 hojjatee dhiise.

Hamzaan ganna 7n duratti baqatee Sawudii dhufee achitti qabanii ji'a tokko caalaa hidhanii marroo 11 mana jijjiiratee istuudiyoo kana keessatti dhokatee RDH dabarsaa bahee asii fuudhee galaan.
Hamzaan ganna 7n duratti baqatee Sawudii dhufee achitti qabanii ji'a tokko caalaa hidhanii marroo 11 mana jijjiiratee istuudiyoo kana keessatti dhokatee RDH dabarsaa bahee asii fuudhee galaan.

Eegee ammoo Bitootessa 27,2014 irratti yayyabe.Hamzaan qaraa hujii tana guyyaa lamaan jalqabee eegee torbaanitti guyyaa 6tti dabree eegee ammoo Afaan Amaaraatiin guyyaa 2 itti dabale.

Akkanuma jechaa guyyaatti Afaan Oromootiin saatii 2 hojjachuutti dabre.

“Afaan Oromoo sagantaa 613 dalagee, Afaan Amaaraa sagantaa 123 dalage haga hardhaatti ittuma jira.”

RDH waan akka akkaa irraa caqasan. Tana keessaa gugurdoon WattsApp, FB, Telegram, Bluetooth, Zeno Radio,Google Chrome fa.

Namii hedduun akka Hamzaan jedhutti sagantaa RDH waraabee guyyuma guyyaan waraabee walii dabarsa.Akka kanaan Afrikaa, Kandaa,US, Awuroopaa fi addunyaayyuu waliin gaahan.

Akka Hamzaan jedhutti namii hagii diqqaan tokko oduu barreessaa,hiikaa isa gargaarullee haga guddaan teknikaa fi hujii akka akkaa isumatti hojjata.

“WhatsApp garee 62 qamna,garee tokko keessaa nama 256 jiraa.Walumattu nama kuma 100 sagantaa keenna argata. Nama meeqatti dhageeffatee 'dowlad' godhee hin beekna."

Hamzaan gaafa Sawudii jiru nagaa ufiitii sodaatee mana 11 keessa jiraate. Gaafa tokko qabanii akka innii jedhutti ji'a 1 caalaa hidhan. "Biyyatti na deebisuu dandahu rabbitti na baase malee."

Hamzaan maaf biyyatti deebi’a?

Akka innii jedhutti jijjiiramii jiru kun karaa hedduu bane “jijjiirama jiru kana lafa qabsiisuu fi biyya keessa teennee ummata keennaaf hojjachaa RDH humna itti ballifannee hojjachuu feena.”

Hamzaa fi RDH Sadaasaa 21,2018 biyyatti deeb’an. Yoo ddeebihan ammoo raadonii FM fi Danbalii gabaabaa[short wave) irratti waan hojjatan dabarsan.

"Dhaamsi ani ummat keennaaf qabu karaa dheeraa dhufnee waan kana lafa qabsiisuuf, tooftaa tasgabbii fi tarsiisomoon makasamuu barbaada."

Hamzaan abbaa ijoollee dubraa sadiiti. Gaafa innii galellee akka dhageennutti nama hedduutti simachuu fi yooyyifachuuf kurfoo jira.Godina Oromiyaa irra dedeemee biyya dubbisa.

ONN,Oromia News Network: Kun TV Afaan Oromootiin US irraa dabarsan. innilleen biyyatti galuutti jira.

Dhaabatii TV Afaan Oromoo ONN 'jijjiirama biyya keessa jirutti dabalamuuf' biyyatti galuutti jira
Dhaabatii TV Afaan Oromoo ONN 'jijjiirama biyya keessa jirutti dabalamuuf' biyyatti galuutti jira

Dr.,Birhaanuu Qadiidaa daarektera ONN.Akka innii jedhetti dhaabii kun ganna lamaan duratti huji jalqabe. Oduu fi sagantaa gara garaa ogeeyyota itti dubbisee dabarsa.Ummatii Oromoo miliyoona 50 caalu media hedduu qabaachuu qaba ka jirulleen wal gargaaree wal jajjabeessaa hojjachuu male jedha.

Istuudiyoo ONN Torontoo,Kalgaarii, Minisootaa,Masrii, Stockholm,Atlaantaa fi fulaa hedduun jiruun sagantaa gara garaa dabarsa.

Namii acjo keessa hojjatulleen duru tolumaan biyyaa hojjata jedha Dr., Birhanauun. Itti gaafatamtooti ONN guyyaa sadii keessatti mariif Finfinnee dhaqanii achumaan istuudiyoollee banatan.

Jarilleen amma Itoophiyaatti sabqunnamtiin hojjachuuf dhiba hin qabuu jedhee abdiin galuutti jiraa achumaan dhiphuu fi bal'inna namii keessa jiru gabaasa.

Liigii Mirga Namummaa; dhaabii mirga namaa gaafa Afrikaa kunilleen dhiyootuu biyyatti galuuf deemuutti jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG