Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Of Wareegaa Lubbuu Galaafate Mana Murtii Kabul Cinatti Raawwate


Haleellaan Of Wareegaa Lubbuu Galaafate Mana Murtii Kabul Cinatti Raawwate
Haleellaan Of Wareegaa Lubbuu Galaafate Mana Murtii Kabul Cinatti Raawwate

Haleellaan of wareegaa biilsa mana murtii muummicha Afganistan kan magaalaa galma mootummaa Kabuul cinatti dho’e yoo xiqqaate namoota 20 galaafatee ka biroo 40 madeessuu angawoonni biyyattii beeksisaniiru.

Irra hedduun miidhaan irra ga’ee hojjettoota mana murtichaa ta’uun gabaafameea. Balaan sun attamiin akka dhaqqabe hin ibsamiin jira. Kanneen du’an keessaa dubartoonni lamaa daa’immi tokko jiraachuun gabaasameera. Prezidaantiin Afganistan Ashraaf Ghanii haleellaa sana balaaleffachuu dhaan gocha gara jabinaa fi dhiifamni godhamuufii hin malle jedhan.

Balaa sanaaf battala itti gaafatama kan fudhate hin jiru. Balaan sun kan dhaga’ame erga tokkummaan mootummootaa hookkara Afgaanistan keessatti ka’een namoonni kuma 11 fi 400 ta’an du’an jechuun gabaasee booda.

XS
SM
MD
LG