Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Ol Iyyannoo US Falmii Uggura Imalaa Traamp Dhaga’uuf Jira. Hayyoonni Seeraa Dhimmichi Manna Murtii Muummichaan Ilaalamuu Mala Jedhan


Manni Murtii Ol Iyyannoo US Falmii Uggura Imalaa Traamp Dhaga’uuf Jira
Manni Murtii Ol Iyyannoo US Falmii Uggura Imalaa Traamp Dhaga’uuf Jira

Manni murtii ol iyyoannoo US ajaja ol aanaa prezidaant Trump dabarsan kan baqattooni biyya irra jireessi musliima ta’an torba irraa akka hin seenne dhorku ilaalchisee falmii jiru dhaggeeffachuuf jira.

Himannaa gabaabaan ministrii murtii haqaan dhiyaate uggurri sun mirga Prezidaantiin qabu kan baqattoonni US seenuu ilaalchisee qabu ka sirnaa ti jedhee jira. Murtii abbaan murtii Federaalaa uggura sana rarraasuu dogoggora ittiin jedha.

Kutaan Washington fi Minnesota himannaa kana kanneen dhiyeeffatan. Himannaaleen ka biroon iyyannaa isaanii kana deggeran kutaalee ka biroo 15 dabalatee waldaa walabummaa uummataa Ameerikaa fi garee kampanilee 100 biraa mana murtiif dhiyaatee jira.

Ministeeronni dhimmootii alaa duraanii, John Kerry fi Madeleine Albright ajaji sadarkaa ol aanaa sun dalga kan hubatame, hojii irra ooliinsi isaa kan dadhabaa ta’eef, dalga kan ibsame ittiin jedhan.

Ibsa barreeffamaan kenneniin ajaji sun innumaa nageenya biyyoleessaa keenya qooda eegsisuu balaa irra buusa yoo jedhan kan Trump nageenya biyyoleessaa fooyyessa jedhan waliin faallaa dha.

Hayyoonni seeraa martinuu prezidaant Donald Trump ajaji ol aanaa isaan baqattoonni biyyoota irra jireessa musliima ta’an torba irraa US yeroof akka hin seenne dabarsan mana murtii Federaalaan murtaa’a jedhanii walii galan.

Dhimmootii hedduun kan imala ugguraa Kanaan wal qabate manneen murtii hedduutti dhiyaataa jira. Kanneen keessaa tokko mana murtii muummichatti dhiyaachuuf jira.

XS
SM
MD
LG