Xurree ittiin seenan

Breaking News

Leenjii Haarmsamaa Kanneen Fudhatan Kummi 11 Ol Gad Dhiisaman: Sabaa Himaa Mootummaa Itiyoopiyaa


Faayilii - Irreechaa Bishooftuu irratti mormii ka'e, 2016
Faayilii - Irreechaa Bishooftuu irratti mormii ka'e, 2016

Kaleessa gad dhiisamuu isaanii fi maatiiwwan isaaniitti makamuu kan gabaasame marsaa lammataa fi bakka adda addaatti leenjii haarmsamaa kanneen fudhatani. Akkuma Kanaan naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa koollenjii leenjisaa Sanqallee keessatti leenjii haaromsamaa kanneen fudhatan leenjifamtoonni kuma 3800 gara naannoo irraa dhufanitti deebi’uu isaanii sabaa himaan mootummaa gabaaseera.

Leenjii kana irratti kanneen hirmaatan godinaalee naannoo Oromiyaa jechuunis Baalee, Shawaa bahaa fi Arsii irraa jeeqamaa fi hookkara kaasuun shakkamanii kanneen qabaman ta’uun ibsameera. Haaluma wal fakkaatuun naannoo uummattoota kibbaa waaltaa leenjii Yirgaalem keessatti leenjisa kanneen fudhatan leenjifamtoonni 1383 gad dhiisamuu isaanii sabaa himaan mootummaa gabaasee jira.

Waaltaa kana keessatti kanneen leenjii fudhatan naannoo sana aanaa Koonsoo fi godina Geedoo keessatti jeeqama uumame irratti hirmaatan jedhamuun kanneen shakkaman ta’uun gabaasameera.

Lakkoobsi irra jireessi garuu waaltaa leenjii Xolaay keessatti leenjifamanii kanneen gad dhiisamani. Shakkamtoota 5605 kanneen ta’an waaltaa kana keessatti leenjii fudhachuu isaaniitu ibsame.

Sirna kana irratti kan argaman itti gaafatamaa waajjira koree giddu galeessa OPDO obbo Bekir Shaallee gaaffii leenjifamtoonni kun kaasan sirrii ta’uu tuqaniiru. Mala isaan ittiin gaaffii kaasan garuu faallaa heeraa waan ta’eef jecha leenjii kana akka hordofan taasisamuu dubbatan.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Leenjii Haarmsamaa Kanneen Fudhatan Kummi 11 Ol Gad Dhiisaman: Sabaa Himaa Mootummaa Itiyoopiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:45 0:00

XS
SM
MD
LG