Xurree ittiin seenan

Korri Hoogganoota Afrikaa Waa’ee ICC Keessaa Ba’uu Irratti Murtii Dabarsuun Xumurame

  • VOA

Korri Hoogganoota Afrikaa Waa’ee ICC Keessaa Ba’uu Irratti Murtii Dabarsuun Xumurame

Xumura irratti, murtiilee guguddoo walga’iin hoogganoota Gamtaa Afrikaa dabarse keessaa tokko gammachuu guddaan otuu hn taane, calleensaan sirna cufataadhaan ka raaw’atame.

Gariin isaanii yakka waraanaatiin mana-murtii sadarkaa Addunyaatiin – hoogganoonni Gamtaa Afrikaa kurnaan lakkaawaman, guyyaa xumuraa irratti, tarsiimoo mana-murtii sadarkaa Addunyaa keessaa ba’uu sana murteessuuf calleensaan itti deeman. Hoogganoonni Afrikaa, yeroo dheeraadhaaf, manni-murtii sadarkaa Addunyaa kun loogiidhaan, hoogganoota Afrikaatti fuuleffate – jechuun balaaleffataa turan. Namoota haga ammaatti, mana-murtii sana duratti yakka ilaalaman soddomii-sagal keessaa, soddomii-saglanuu lammiwwan Afrikaa akka ta’anittti dubbatan.

Ejjennoon Gamtaa Afrikaa keessatti dudhatame kun garuu, biyyoota Afrikaa hundeeffama mana-murtii sanaa mallatteessanii jiran irratti dirqama akka hin taane tu dubbatama. Biyyoonni Afrikaa 34 miseensota ICC ta’an yoo manicha murtii sana keessaa ba’uuf murteeffatan garuu, Gamtaan Afrikaa ka deggeru ta’uu tu dubbatama.

Dhaabbbata Qorannaa Naga-eegumsaa Finfinnee keessa maadheffate, kan “Instituter of Security Studies” jedhamu keessaatti qorataa ka tya’an – Nadubu-isii Kiristiyaan Anii, murtii dabarsame sana ennaa ibsan, “Tarsiimoon keessaa ba’insaa kun, ejjennoo siyaasaa hoogganoonni Afrikaa mormii mana-murtii sadarkaa Addunyaa irratti qaban ittiin ibsatan tahee tajaajila. Ejjennoon ICC keessaa ba’uu kun, akka biyyoonni Afrikaa – otuu Gmtaa Afrikaa waliin walitti-bu’insa hin qabaatiin, walabummaadhaan, fedha ofiitiin manicha murtii sana keessaa of baasan jajjabeessa” jedhan.

Ejjennoon kun murtii cimaa ta’uu dhaa baate iyyuu, wanna akka salphaatti ilaalamu akka hin ta’iin hubachiisan.

Kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG