Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi-ministaraa Awustraaliyaa fi Pireezdant Doonaald Traamp Dhimma Baqatoottaa Irratti Telefoonaan Mar'atan


Prezidaantii Yunaayitid Isteets Doonald Traamp fi Muummichi-ministaraa Awustraaliyaa – Maayikil Turnbuul
Prezidaantii Yunaayitid Isteets Doonald Traamp fi Muummichi-ministaraa Awustraaliyaa – Maayikil Turnbuul

Muummichi-ministaraa Awustraaliyaa – Maayikil Turnbuul, waa’een haasawa telefoonaa Doonald Traamp fi isaan gidduutti geggeessamee eega wal-famsiisaa ta’ee turee booda, har’a ibsa kennaniin, Prezidaant Traamp akka telefoona gurra isaanii irratti hin cufiin dubbatan.

Baqattoota gurmuudhaan otuu gara Awustraaliyaatti imalanii karaatti qabaman deebisanii qubachiisuuf walii-galtee tolfame hojii irra oolchuuf illee Prezidaant cicha qabaachuu dubbatan.

Wali-galteen sun yeroo bulchiisna prezidaant Obaamaa ka tolfame yoo tahu, achii booda, prezidaat Traamp baqattoota Yunaayitid Isteetsitti simachuun yeroof akka rarraafamu ajaja hooggana ol’aanaa dabarsuu tu yaaddoo guddaa uume.

Garuu, nama sana galchuun walii-galtee ammaan dura Yunaayitid Isteets sadarkaa Addunyaatti mallatteessite hojii irra oolchuuf taanaan, dhimmi isaa addatti ilaalama – jedhanii turan – Traamp.

XS
SM
MD
LG