Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Iraan Yaalii Misaahela Gochuu Isheetiin Ilaalcha Yunaayitid Isteets Jala Galuu Dubbatan


Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp, Iraan, yaalii dhukaasa misaahela Baalastik gochuu isheetiin, sirnaan ilaalcha Yunaayitid Isteets jala galuu ishee dubbatan
Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp, Iraan, yaalii dhukaasa misaahela Baalastik gochuu isheetiin, sirnaan ilaalcha Yunaayitid Isteets jala galuu ishee dubbatan

Kaleessa, gorsaan Naga-eegumsaa biyyoolessaa Prezidaant Traamp – Maayikil Fliin, yaalii dhukaasa misaahelaa Iraan geggeessite balaaleffachuudhaan ibsa kennaniin, “gochaan kun, Yunaayitid Isteetsii fi michoota ishee naannawa sanaa doorsisuuf gochaalee baatiilee ja’an dabaran keessa geggeessaa turte keessaa kun isa tokko” jedhanii turan.

Prezidaant Taamp, karaa Tiwiiterii dhaamsa daddabarsan keessatti, Oomisha Niyuukilaraa Iraan ugguruuf walii-galtee Prezidaant Obaamaan, biyyoota Addunyaa irratti humna-qabeeyyii ta’an shan waliin ta’uudhaan ammaan dura Iraan waliin mallatteessan balaaleffatan.

“Iraan, otuu yeroo sana uggurri doolaara biliyoona hedduu ishee dhabsiisu irraa hin kaasamne tahee, kufinsatti dhihaattee turte. Kanaaf walii-galtee sana galateeffachuu tu ishee irra ture” – jedhan – Traamp.

Iraan, Niyuukilara oomishuuf qophaawaa jirti – yaaddoo jedhu irraa walii-galteen, akka Iraan Yuraaniyeemii gabbisuutti daangaa gootu dirqsiisu sun mallatteessame. Bakka sanaa immoo, uggurri dinagdee Iraan irraa ka’aamee ture irraa kaasame.

XS
SM
MD
LG