Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Afgaanistaan Keessatti Raawwatameen Loltoonni Ameerikaa Itti Dabalaa Du’an


Haleellaa har’a Kaabuul Afgaanistaan keessatti raawwateen loltoonni lammiiwwan Ameerikaa fi Romaaniyaa ajjeefamuun lakkoobsa waraana Yunaayitid Istaaetis waggaa kana du’anii 16n ga’uu gamtaan waltaatota waraanaa kan NATOn hoogganamu beeksisee jira.

Kun kan dhaga’ame Talibaan boombii of wareegaa konkolaataa irratti raawwachuu isaaf itti gaafatama fudhatee sa’aatilee hanga tokko booda ture.

Dubbi himaan ministerii dhimma biyyaa Afgaanistaan Nasraat Rahimii dho’iinsi sun yoo xiqqaate namoota 10 yoo galaafatu kanneen biroo 42 madeessuu mirkaneessanii jiru.

Dho’iinsi boombii sun kan raawwate naannoo magaalaa Kaabul bakka waajjirri haadhoo NATO, embaasii Yunaayitid Isteetsii fi waajjirri dhaaba basaasa Afgaan itti argamutti. Dho’iinsi dun konkolaataa hedduu fi suuqilee naannoo jiran mancaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG