Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa xiyyaaraa naannoo Maqaleetti taasifameen namoonni du’uun isaani gabaasame


Haleellaa xiyyaaraa naannoo Maqaleetti taasifameen namoonni du’uun isaani gabaasame
Haleellaa xiyyaaraa naannoo Maqaleetti taasifameen namoonni du’uun isaani gabaasame

Kamisa har’aa ganama naannoo magaala Maqaleetti haleellaa xiyyaara mootummaa Itiyoophiyaatiin raawwatameen namoonni 6 du’uu isaanii gabaasin Mulugeetaa Atsibihaa maqalee irraa erge ibseera.

Akka gabaasichii jedhutti, akka lakkoofsa biyyaatii kamisa ganamaa Sa’atii 4:30 ti Kaaba magaala Maqalee naanno ganda Haadinet ti haleellaa warshaa Masfin injineering irratti kan raawwateedha.

Daarekteerri hospitaalaa Haayidar Doktoor Kibroom Gebrsilaasee akka VOA ti himanitti namoottan Jahaan du’an keesaa 3 daa’iman yemuu ta’an namoottan madaa’an 21f gargaarsii taasifamaa jira.

Ministeerii tajaajila wal quunamitti mootummaa Itiyoophiyaa Doktoor Leggesee Tulluu haleellaa kana ilaalchisee gaafii VOA irraa dhihaateef deebii kennaniin , tarkaanfichi kan fudhatamee bakka gareen TPLF meeshaalee magaalotaa ittin barbadeessuu itti suphuudha jedhaniiru.

Mootummaan Haleellaa namoottan nagaa irratti akeekame akka hin raawwatne kan himan Doktoor Leggeseen, haleelaa guyyaa har’aa raawwatameen namoottan nagaa irratti midhaa qaqqabeera isa jedhame mootummaan akka odeeffannoo hin qabne himaniiru.

XS
SM
MD
LG