Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Jibbinsaa Afrikaa Kibbaa Keessaa Naayijeeriyaa Keessatti Tarkaanfii Haaloo-bahinsaa Kakaase


Jibbinsa lammiwwan alaa irraa ka’uun haleellaan dhiheenya kana Afrikaa Kibbaatti geggeessamee fi lubbuu lammiwwan alaa galaafate, biyyoota alaa hedduu keessatti yaaddoo uummee jira.

Naayijeeriyaa keessatti, haleellaa haaloo-bahnisaa fi manneen hojii lammiwwan Afrikaa Kibbaa biyyattii keessaa cufsiisuutti geesse – hookkarri Afrikaa Kibbaatti lubbuu galaafate.

Magaalaa Abuujaa keessatti hiriirtonni aariidhaan kaka’an, manneen daldalaa lammiwwan Afrikaa Kibbaa, waajiraallee Kaamopaanii Komiyunikeeshinii Afrikaa Kibbaa beekamaa, kan MTN fi wahiloota isaanii weeraruuudhaan cufsiisan.

Lammiwwan Naayijeeriyaa, haleellaa Afrikaa Kibbaa keessatti lammiwwan isaanii irratti geggeessameef deebii haaloo-bahinsaa deebisuun kun ka jalqabaa ti.

Bara 2008, haleellaan lammiwwan alaatti xiyyeeffatee geggeessame namoota 62 ka galaafate yoo tahu, bara 2015 keessas akkanuma ka’ee namoota 7 galaafate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG