Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harargee Bahaa fi Naannawaa Magaalaa Shaashamanneetti Mormiin Itti Fufee Ammas Lubbuun Dhabame Jedhama, Motummaan Immoo Gurmuu Hidhattootaatu Booda Jira Jedha


Mormii Oromiyaa,Arsii
Mormii Oromiyaa,Arsii

Harargee bahaa aanaa Gorwaa magaalaa Gorwaa fi naannoo isheetti har’as hiriirri mormii itti fufee kan oole ta’uu jiraattonni naannoo dubbatanii jiru. Hawaasichis dargaggootaa fi barattoota waliin ta’uu dhaan kanneen hidhaman nuuf haa hikaman, gumaan kanneen du’anii nuuf haa baafamu mootummaan kun nu hin bulchu, miirgi abbaa biyyummaa nuuf haa kabajamu ka jedhu dhaadannoo dhageessisaa kan turan ta’uu illee jiraattonni kun nuuf ibsaniiru.

Qonnan bultoonnii fi hawaasni naannoo gara magaalaa Birwuhaatti sosso’uu dhaan poolisii fi milishoonni akka isaan gamasitti hin sossoone ugguranis uummati poolisii ofi irraa ari’uu dhaan mormii isaa itti fufee jedhu jiraataan magaalattii. Poolisiin uummatatti dhukaasuu dhaan lubbuun namoota darbuu illee nuuf ibsanii jiru.

Dilbata dabre kana, amaamotni Misirroo fudhatanii naannawa Ajjee, lafa Korbeessa jedhamu irraa gara Shaashemanneetti ennaa konkolaataan deemaa turanitti sirba Caalaa Bultum sirbsiisaa waan deemaniif poolisonni magaalaa itti dhukaasanii, gommaa konkolaatichaa dhoosuun, itti fufanii dhukaasanii namoota afur madeessuu isaanii irraa kan ka’e humnoota Mootummaa fi jiraattota gidduutti walitti-bu’insi uumamuu ka jiraattonni dubbatan, Kaleessa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Itti-fufee immoo magaalaa Shaashemannee, mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa Adventitii keessatti barattoonni kaleessa galgala irraa jalqabanii mormii kaasuu isaaniitiin humnoonni Mootummaa barataa tokko haleelan, jedhu. Magaalaa Shaashemannee dhaa alatti kan argamu, mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa Harabaatee jedhamu irraas barattoonni hiriira mormii ba’uu isaaniittiin humnoonni Federaalaa barataa todkkotti dhukaasanii ajjeesan, jiraattonni. Naannawa magaalaa Ajjee, bakka Korbeettii jedhamu irraa kanneen dheengadda qabaman – qonnaan-bultoonni 11 achi buuteen isaanii hin beekamne. Humnoonni mootummaa uffata isaanii ganda irraa qabanitti fidanii gatan – ka jedhan jiraattonni naannoo, jiraattonni Ajjee irraa baqatanii gaaratti galanis haga ammaa hin deebine, jedhu.

Dubbi-himaan mootummaa Itiyoophiyaa, Obbo Getaachoo Raddaa immoo, gama isaaniittiin, Televiiziyoon Itiyoophiyaa irratti gaaffii fi deebii kennaniin, mormiin ammaa kun ka duraa irraa adda, jedhan. “Humni gurmaa’ee akka jabaatti hidhate, humna nageenyaa haala jiru tasgabbeessuuf gara sanatti soche’e irratti haleellaa guddaa banuudhaan, balaa guddaa geessise” – jechuun ibsan. Qabeenyaa misoomaa mootummaa irras miidhaa geessisuu isaa dubbatan.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:24 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG