Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harargee Bahaa Awwadaayitti warrii hiriira bahe yaamicha Jawaar Mohaammediif jedhee karaa cufame bane


Oromiyaa fulaa hedduu karaa hiriira mormiitiif jedhani cufan banuutti jiran
Oromiyaa fulaa hedduu karaa hiriira mormiitiif jedhani cufan banuutti jiran

Warrii Awadaay yaamicha maanguddootii fi Jawaariif jedhee karaa banuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:56 0:00

Eegii daarketera Omn fi qabsaasaa mirga namaa Jawaar Mohaammed wannii ‘lubbuu sodaachise’ manatti itti dhufte asi Oromiyaa keessatti namii hiriira bahee deeggarsa isaaf qabu agarsiisuutti jira.

Oromiyaa keessaa nama kuma hedduutti karaatti yaa’eef waan balaa itti dhfue jedhan kana falmeef.

Mana isaallee ijoollee kahimaatti warra isa eegu gargaaree lafa eeguufiitti jira. Fulaa hedduutti karaan gamuma cufaan cufamee namii walti yaa’uu dadhabe.

Eegii Jawaar “qabbanaahaa” jedhee ummatatti dhaamatee asi amma karaalleen banamuutti jira.

Harargee Bahaa magaala Awwadaay keessatti hardhaa fi kaleellee nama kuma hedduutti tanatti dallanee goommaa karaa irratit gubee,dhagaa,jirmaa fi waan hedduu karaa irratti guuree karaa cufee hiriira bahe.

Akka bulchaan Awwadaay, Jaffaar Mohaammed jedhetti namii hardhallee hiriira irra oole. Nagumaan galellee.

Hiriira guyyaa dheengaddaa irratti ammo nama hedduu hiriira irratti ijjeesan jedhan keessaa tokko gurbaa ganna 19 Araarsoo Bakar Ibroo. Isallee akka bulchiinsaa fi maatiin jedhetti rasaasa waraana mootummaatti ijjeese. Madooleelleen hedduu. Ummatii “Aggaamiin isatti aggaamame aggaammii oromoo irratti aggaame jedhee isa deeggaruuf hiriira bahe.”

Warrii lafaa Araarsoo awwaalatee hardhallee hiriira fixate jennaan karaa cufamellee galgala gara saatii 10 bane.

Akka bulchaan Awwadaay jedhetti ummatii gorsa obboo Jawaar,abbootii siyaasaa fi abbootii amantii fudhatee Karaa bane.

Karaan baname kun Awwadaayii haga Haroo-Maayaa, Awwadaayi fi Harari fi daandii magaala keessa jirtu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG