Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hariiroo Jiru Jajjabeesuuf Irratti Hojjatamaa Jira


Federeshiniin sadarkaa adunyaa kan waldootii fannoo fi baatii dimaa, gamtaa Afrikaa fi mootummaa Itiyoophiyaa waliin hariiroo qabu jajjabeesuuf hojjataa akka jiru ta'u barreessaan duree Federeshinii kanaa kan ta'an obbo Baqqalaa Galataa Finfinnee irra ibsanii jiran.Kun akka milkaa'uu gochuuf, aangawoota Itiyoophiyaa fi kan Ardii Afrikaa waliin dubbataa jiru.

Waldaan fannoo dimaa kan Itiyoophiyaa jabaa akka ture kan ibsame yoo ta'u amma garu gitoota isaa kan Afrikaa waliin wal cina yeroo ilaalamu jabiina wal fakkaataa akka hin qabne ibsan.

Kana ilaalchisee mummicha ministeera Itiyoophiyaa Mallas Zenaawii waliin dubbachuun isaanii obbo Baqqalaa Galataa ibsanii jiru.Federeshiniin sadarkaa adunyaa Itiyoophiyaa keessaaatti seeraan akka beekamu gochuun akeeka irratti hojjatamaa jiru keessaa tokko jedhama.

Gabaasa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG