Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haroon Basaqaa Guutee Lola'uun Mana Banootaa irra Miidhaa Geessise


HAROO BASAQAA
HAROO BASAQAA

Torban darbe haroon Basaqaa guutee daangaa dhaa bahuudhaan godina Shawaa bahaa aanaa Matahaaraa keessatti kan argamu Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Daandii Guddinaa irra miidhaa dhaqqabsiisuu isaa jiraattonni naannoo beeksisan jiru. Lolaan bishaanii haroo kana irraa madde kutaalee manneen barnootaa, doormitorii ijoollee fi waajjiraalee mana barnootichaa dhuunfachuu isaa dubbatu, jiraataan naannoo sanaa, Obbo Roobaa Boruu.

Mana barumsatti deebi’uun yeroo ga’aa jiru kanatti barattoonni ka rakkoo guddaaf saaxilamuuf jiran ta’uu ka dubbatan, Obbo Roobaan "Bishaan kun mana barnootaa sana erga dhuunfatee torban tokko ta’us hanga yoonaa bulchiinsa naannoos haa ta’u kan Oromiyaa irraa tattaaffii gargaarsaa godhamu hin argine" jedhau .

Biiroo barnoota Oromiyaatti, geggeessaa deemsa hojii, odeeffannoo fi quunnamtii uummataa kan ta’an obbo Kaasaahuun Degefu immoo, haroon Basaqaa guutee Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Daandii Guddinaa dhuunfachuu isaa amananii, "bishaan mana barnootichaatti seene jilba kan hin dabriin waan taheef waan ta’eef yaaddessaa miti" jedhan. Gama Biiroo Barnootaa Ormiyaatiin karoorri jiru bishaan kun torban itti anu keessa hir’achuudhaa baannaan biilsi haaraan magaalattii keessatti ijaarame waan jiruuf barattoota garasitti godaansisuu akka tahe ibsan, Obbo Kaasahun. Uummata naannoo sana jirus miidhaa waan jiruuf uummatichaas bakka birootti sochoosuuf karoorri jiraachuu illee eeranii jiran.

Qophii guutuu fuula kana irraa MP3 tuqaa dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG