Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawaannisnii Boorana fi Kaaba Keeniyaa weerareera ibidda itti aarsanii, qorqoorroo itti dhaananii woma dandahanii ofirraa ari’uutti jiru


Boorannii awwaanisa itti baafate qorqooroo itti dhaane aara itti afuufee ufi irraa dhowwuutti jira
Boorannii awwaanisa itti baafate qorqooroo itti dhaane aara itti afuufee ufi irraa dhowwuutti jira

Boorannii awwaanisa biibbii,qorqooroo fi jarekeennii itti dhaanee ibidda itti aarsee ufi irraa dhowwuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:37 0:00

Gidduu kana hoomaan hawaannisaa Godina Boorana fi Kaaba keeniyaa weeraree miidhaa geessisaa jira.

Keessattuu aanaa Yaaballootti midhaanii fi bosona mancaasuu jiraataan achii VOA’f himanii jiru. Bulchiinsi Godina Booranaa weerarri kun humanaa ol jedhanii Oromiyaatti iyyatan.

Gama kaaniin ammo awwaanisni kun guyyoota sadaan dabran Kaaba Keeniyaa Maarsabiit, Isiyoolloo fi Mandheeraa keessatti mulalte.

Godina Booranaa keesattis weerarri hawaannisaa kun aanotii hedduu keessatti ka mullate yoo tahu, marga loon dheeddu, bosona fi midhaan nami facaafatee alaa qabullee akka miidhe jiraattonni ni dubbatu.

Galgaloo Gobbaa jiraataa Godina Booranaa Aanaa Areeroti “hoomaan kun Areero guyyaa sadiif ture.”

Areero irraa kahee Yaaballottiu dabree achilleetti midhaan,bosonaa fi marga biyyaa balleesse jedha Maallicha Tuqaa jiraataan aanaa Yaaballoo.

Maallichi akka jedhetti bakki hawaannisi balleessaa jiru kun bakka namani loon itti bobbaafatu waan ta’eef eger loon waan dheedan dhabuu malu.

Gama biraan hawaannisi kun Keeniyaa kutaalee bulchiinsa Mandheeeraa, Isiyoolloo fi Maarsaabiit keessattillee mullatee jira. Adan Jaarsoo Guyyoo jiraatan maarsabiit, hoomaan hawaannisaa marga fi midhaan faca’ee ala jirullee balleesse jedha.

Obbo Mohaammed Abbaa Koodaa hoogganaan waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaati.Weeraii kun Jimaataa jalqabee aanolee Booranaa hedduu keesatti mullataa jira jedhan.

Obbo Mohaammed hawaannisi kun kallattii Somaaliyaa fi Keeniyaan gara godina booranaa akka seen himanii ummatni, qaamni nagaa kabachiisu, poolisii fi hojjettoonni mootummaa hawaannisa kana ariyuuf itti jiruu jedhan. Ta’us garuu hawaannisni kun humna ummataa ol ta’ee jira.

Obbo Mohaammed dabalanii keessumaa Aanotii Godina Booranaa keessaa yaa’aballoo fi Taltalleen warra midhaan nyaataa omishan waan ta’aniif weerarri hawaannisaa kun aanotii kana lameen keessatti utuu balaa guddaa hin geessisin mootummaan akka dhaqqabu gaafatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG