Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawaasa Oromoo fi manneen amantii biyya alaa nama biyyatti beelahe akkamiin gargaaruu malan?


Namii Afrikaa gama Gaafaa rakkoo ganna 60tii asitti argee hin beenne keessa jira, Somaaliyaatti namii beelaan dhumataa beela baqachaa biyyaa baha.Gama tokkoon bonaa gama tokkoon oolaa.Itoophiyaalleetti bonii jabaatee nama miliyoona hedduu rakkise.

Namii biyya alaa jiru,manneen amantii kirsitaanaa,Islaamaa,waaqefftaa,fi hawaasii Oromoolleen silaa nama akkanaa rakkatu kana maaniin gargaaruu male.

Luba Gammachuu Olaanaa,prezdaatnii Waldaa Kirstaanaa Oromoo addunyaati.

“…Beellii kun saba keenyaa balaa guddaan gahaa waan jiruuf..yoo namii keenna akkana rakkatee beelahetti teenyee ilaaluuf seenaatti nu gaafata.”

Luba Gammachuun tana malee tana irratti waldaan mari’achuuf qophii jirraa jedha.

Obbo Raayyaa Jinjimoo,daarektera olaanaa Waldaa Hawaasa Oromoo Chikaagooti.

“Dhalii Oromoo martinuu waan kana irratti hojjachuu qaba…waan dandeenyuun gargaaruu qamna.”

Obbo Mohaammad Cilaaloo ammoo daarektera hujii raawwachiiftuu hawaasa waldaa Oromoo Washington DCti.

“Rakkoo tana quba qabnaa ummatii keenya rakkoo guddoo keessa jiraa,rakkoo asiin dura ummta keenna irraa hin gahin keessa jiraa…rakkoo isa qabate keessaa karaa baasuu dandeennuun irratti hojjanna.”

Malkaamuu Nagarii.luba waldaa amatnii kirstaanaa Oromoo MNti.

Rakkoo tana quba hin qamnu keessaa odeeffannee mari’annee humna teenna ilaallee waan gargaaruu dandeennuun ilaallaa jedhu.Karaa nama rakkate kanaan gargaaruu dandahaniin irratti waan jechuu feetan nuu barreessaa.

Mee waan tana irratti qopheessine MP3 irraa nuu caqasaa.

XS
SM
MD
LG