Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawaasii Oromoo Amerikaa Kaabaa (North America) ‘Humna-Jabeessa Waldoota Hawaasa Oromoo Biyya Alaa,’Jedhee Garee Tokko Dhaabe


Marii Hawaasa Oromoo, Meerilandi (MD) Taa'e
Marii Hawaasa Oromoo, Meerilandi (MD) Taa'e

Oromootii waldaa North Amerikaa;Kanaadaa fi USA dhufan Sanbata diqqaa dabre,Gurrandhalaa 13,2016 Amerikaa godina MD(Maryland) keessatti walti dhufanii rakkoolee Oromoo akka irratti mari’atan.

Waan irratti gabaasii dhiyaate keessaa hiriira mormii Oromoo,rakkoolee hiriira gula dhufte,waan itti aanaa,gara hiriirii deemu dandahuu fi waan hedduu.

Mariin abbootiin amantii,dhaabbilee ummataa,dhaabibleen siyaasaa,waldaa Maccaa fi Tuulamaa,waldaa dargaggootaa,dhaaba mirga ilmaan namamaa fa keessallee namii itti dhufe irratti gabaasa gara garaatti dhiyaate.

Marii suniin duubatti ‘Garee Humna Jabeessa Waldoota Oromoo (Oromo Diaspora Capacity Building) jedhamu dhaaban.Hujii isaanii humna Oromoota biyya alaa jiranii jabeessuu jedhan.

Akka Dr.Gulummaa Gammadaa daarketerii koree Hawaasota Oromoo North Amerikaa jedhutti kaayoon Garee yayyabamtuu akka Oromootii biyya alaa jiran ufii fi saba isaallee jabeessan gargaaruu.

Warra marii sun dhufe keessaa ka dhibiin luba Mazgabuu Tuuchoo, itti aanaa itti gaafatamaa Waldoota Kiristaana Addunyaati.

Qoodii Waldaa Addunyaa, bara dhiphuu fi ballinnaatti ummata waliin hojjachuu.Bara rakkootti rakkoo jirtu dubbatee akka,mootummaa karaa qajeelatti deebi’u itti himaa akka biyyitii nagaa taatu waaqa kadhachuu,rakkoo jirtu ifattu dubbatanii ummata waliin tahuu jedha.

“Dhugaa jirtu dubbattee afaan isaaniif taatee dubbachuudha,” jedha.

Obbo Naasir Anwaara Hamzaa,itti aanaa daarektera olaanaa majida Toofiq,Amerikaa kutaa Minisootaa (MN) jiruuti.

“Nu akka nama Musliimaatti yoo Oromoon rakkatu,yoo Oromoon mootummaan cunqurfamu,ajjeefamuu fi hidhamu guyyaa Jimaata hunda ni kadhannaaf konfireensii waggaa waggaatti qabaannu irrattis bulchoota mootummaa biyya bulchanii (USA) yaamnee rakkoo saba keenyaa itti himna…gama biratiin afaanii fi aadaa teenna guddisuuf Quraan Afaan Oromootiin barsiifna,”jedha.

Aaddee Zennebech Gurmeessaa warra marii tanaaf dhufe keessaa nama tokko, “ummata keennaa fi afaan tahuuf watli dhufne wali gahii kana irras kana baranne,”jetti.

Warra marii tanaaf godina Seattle dhufe keessaa tokko obboo Aadam Kabiiraati.Sabii tokko akkamitti bara dhiphuu fi ballinnaallee keessatti saba ufii gargaaruu dandahaa jennaan;”Dubbiin lafaa dubbii lafeeti namii lafa hin qamne samii tana irratti mana hin jaarratu saba keenna gargaaruu qamnaa,”jedha.

Warrii marii sun dhufe yoo gara dhufeefitti deebihuu akka koree tahee waan dubbatan ummatatti himee hujii itti aantu jedhaniif qophaaha.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:56 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG