Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawaasii Oromoo Amerikaa Kaabaatii walti dhufe Waashignton DCti wal gahee mootummaa Itoophiyaa Irratti hirira mormii guddaa bahe


Hiriira mormii Oormoo Amerikaa Kaabaa,Washington,DC
Hiriira mormii Oormoo Amerikaa Kaabaa,Washington,DC

Hiriira mormii Oromoo Amerikaa Kaabaa,Washington,DC
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:54 0:00

Hiriira kana hawaasa Oromoo Waashington DC fi naannoo isiitti qopheesse. Rakkoolee gugurdoo bulchiinsa mootummaa muummee ministera Itoophiyaa Abiy Ahmediin Oromoo irra gahuutti jirtu jedhan hidhaa,ijjeechaa,dhaanicha,buufachaa ykn gudeeddii fi waan hedduu himatan.

Abbootii siyaasaa Oromoo hedduu,Oromoo siyaasaatii hidhan kuma hedduu,baratoota,qeerro fi itti gaafatamtootii paartii siyaasaa Oromoo hedduu hidhamiif iyyachuu dufne jedha warri hiriira bahe.

Hiriira mormii Oormoo Amerikaa Kaabaa,Washington,DC
Hiriira mormii Oormoo Amerikaa Kaabaa,Washington,DC

Akka Baankiin Addunyaa Itoophiyaa horiin hin gargaarre,akka bulchiinsii Amerikaa, bulchiinsii minsitera haajaa alaa Amerikaa fi bulchiinsii Waashington DC rakkoo Oromoon keessa jirti jedhan quba qabaatu gafachuuf daandilee gugurdoo DC irra maranii rakkoo himatan.

Obboo Aseffaa Kitil itti aanaa itti gaafatamaa hawaasa Oromoo Washington,DCti.

Bulchoota siyaasaa Oromoo Jawaar Mohaammad,Beqqelee Garbaa,Hamzaa Booranaa,Abdii Raggaa fi mana hidhaa hamaa keesa jiran jedha.

Itoophiyaatti Qaallittiii qofaa mitii manneen barnootaatuu mana hidhaa tahanii nama hedduu gara itti hidhaniiyyuu hin beekan jedha.

Hiriira mormii Oormoo Amerikaa Kaabaa,Washington,DC
Hiriira mormii Oormoo Amerikaa Kaabaa,Washington,DC

Filannoon Itoophiyaa dhufuutti jirtu akka warrii hiriira bahe jedhetti haga hidhamtootii Oromoo maqaa siyaasatiin hidhaman bahanitti filannoo tahuu hin dandeettu.

Mootummaan Itoophiyaalleen Fulbaana 30n duubatti seeraan mootummaa biyya bulchu tahuu hin dandahu jedha obboo Aseffaan. “Sabaa fi sablammiin ufi bulchuuf haa qphaahu,” jedhu.

Qeerroo sagalee dhabdeef,ummata keenna rakkoo hamtuu keessa jiruuf dhaabachuuf baan jedha warrii Seattle, Atlaantaa, Ohio fi DC dubbifne.Hiriira kana irratti akka warrii qopheesse jedhetti sabaa fi sablammii hedduutti keessa jira

Hiriira mormii kana irratti deebii embaasii Itoophiyaa DC jiru irraa argachuuf jennee ammaaf nuu hin taane.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG