Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa Itiyoophiyaa Oromiyaa keessatti Uummata Hidhannoo Hin Qabne Irratti Haleellaa Gaggeessu Dhaabuu Qaba: Hiriirtoota


FAAYILII - Miseensoota Hawaasa Oromoo Waashinton Diisii fi naannoo ishee Ministirii Dhimma Alaa Yunaayitid Iseetis duratti hiriira bahan
FAAYILII - Miseensoota Hawaasa Oromoo Waashinton Diisii fi naannoo ishee Ministirii Dhimma Alaa Yunaayitid Iseetis duratti hiriira bahan

Dhalattoonni Oromoo as Waashington Dii Sii (DC0 fi naannawa ishee jiraatan, akkasumas, kutaalee Ameerikaa biroo irraa walitti dhufan Kamisa kaleessaa, Sadaasa 17, bara 2002 “haleellaa Oromiyaa keessatti uummata nagaa irratti geggeessamaa jira,” jedhan mormuun as Waashington DC, waajira ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis duratti hiriira bahanii jiran.

Qindeessitoota hiriirichaa keessaa ka Sagalee Ameerikaaf ibsa kennan, Artist Abdii Nuuressaa, “Sababaan hiriira keenyaa haleellaa mootummaa Itiyoophiyaatiin, Oromiyaa keessatti uummata Oromoo hidhannoo hin qabne irratti geggeessamaa jiru akka addunyaan hubatu taasisuufi,” jedhan.

Mootummaan Itiyoophiyaa, lammiwwan nagaa meeshaa waraanaa hin hidhatiin yokaan Siiviloota irratti haleellaalee diroonii dabalee bifa adda addaatiin geggeessaa jiru akka dhaabuu fi badii lubbuu namaa irra gaheef akka itti gaafatamu, Yunaayitid Isteetis dhiibbaa gama ishee akka gootu hiriirtonni iyyannaa isaanii Ministirii Dhimma alaa Yunaayitid Isteetisitti dhiheeffachuu isaanii dubbatan – dubbatan, Obbo Abdiin.

Himannaa hiriirtonni kaleessaa fi yeroo adda addaatti dhiheessan kanaaf Embaasii Itiyoophiyaa irraa deebii argachuuf yaalaa jirra. Gama biraatiin garuu, himannaalee wal-fakkaatoo dhiheenya mootummaa irratti dhihaataa turaniif, aangawoonni mootummichaa deebii Sagalee Ameerikaaf kennaniin, humnoonni mootummaa haleellaan geggeessan hidhattoota “shanee” ittiin jedhan, kan Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhan irratti malee uummata nagaa kam irrattiyyuu ka xiyyeeffate akka hin ta’iin dubbatanii turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG