Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hezbollaan Xayyaara Nam Maleeyyii Israa’el Haleeluu Beeksise


Xayyaara nam maleeeyyii Israa’el Libaanen gama kibbaatti rukutanii kuffisuu loltoonni Hezbollaa beeksisan.

Gareen finxaaleyyii kun ibsa baaseen xayyaarittii kuffisuu isaa fi harka isaa kan ture ta’uu beeksisee jira.

Waraanni Israa’el akka gabaasetti xayyaarri nam maleeyyii isaa tokko naannoo dhuma wal fakkaatutti kufuu isaa beeksise, garuu sababaa isaa hin ibsine. Israa’el akka jettetti xayyaarattiin xiqqoo dha, odeeffannoo barbaachisaan keessaa fudhatame yaaddoon jedhu hin jiru.

Hogganaan Hezbollaa Hassan Nasrallaa baatii darbe yoo xayyaarri nam maleeyyii Isra’el naannoo qilleensa Libaanen seenan kan haleelan ta’uu akeekkachiisanii turan.

Haleellaan kun kan dhaga’ame waraanni Hezbollaa fi kan Israael waggoota hedduu keessatti yeroo jalqabaaf ennaa Hezbollaan misaayila farra taankii dhukaasuun humnoonni Israa’el deebii kennanii torban tokko booda. Gareen lamaan bara 2006 baatii tokkoof lola walitti bananii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG